Jireenya Wal Keessaa/Mixed Life
Seensa
Amantiin kiristaanaa qulqullummaa qabaachuu qaba. Makaan wantootaaf malee amantiif hin
tau. Waaqayyoo yeroo garaa garaatti saba Israael kan komachaa turee sababii isaan ollaa isaanii
wajjiin walitti makamuun jireenya Waaqayyoo akka isaan jiraataniif isaan abboome booressaniif
ture. Haras Waaqayyoo akka adda baanuuf nu abbooma. Adda bahuu jechuun ijoollee
Waaqayyoo tauun dukkana keessatti ibsuu jechuudha.
Mee wantoota armaan gadii kanneen amantootni raawwachuu qabu moo hin qaban kan jedhu haa
ilaallu. Kiristaanni tokko jireenya olla wajjiin adda bahee beekkamuu qaba moo walitti
makamuun wal nyaatinsa uumee jiraachuu qaba? Gaaffii jedhu manni amantaafi amantootni
deebisuu qabu jedheen yaada.
Namni fayye tokko maal gochuu qaba?
Armaan olitti Fayyuu jechuun gooftaa Yesuus Kiristoos akka fayyisaa dhuunfaa ofii godhatanii
fudhachuudhaan dua bara baraa irraa bararamuu; akkasumas cubbuu irraa adda bahuu akka tae
ilaallee jirra. Ittuma aansuudhaan namni amane tokko maal gochuu akka qabu ni ilaalla.
2. Waaqayyoon qofaa sagaduu
Addunyaa irra jiraannu kana irratti waaqayyooliin tolfamoon baayeetu jiru. Isaan kunneen aadaa
tokko irraa aadaa birootti, hawaasarraa hawaasatti, yeroodhaa yerootti, biyyarraa biyyatti;
akkasumas akkaataa fi bifa sagadaatiinis garaagarummaa qabaachuu ni dandau. Macaafa
Qulqulluu keessatti waaqayyoolii tolfamoo baayeen maqaa dhaamaniiru. Isaanis;
2.1.Fakkii yookiin bifa tolfamaa
Sabni Israael Museen isaan biraa deemee osoo hin deebiin waan tureef nama isaan gargaaruufi
fuuldura isaanii deemu waan dhaban waan itti fakkaateef fakkii warqii bifa jabbiitiin hojjatanii
sagadaniifii turan.
Sabni sun Museen Tulluu irraa gad buuun isaa akka ture yommuu argan, Aaronitti dachaanii,
Musee isa biyya Gibxii nu baase kanatti maaltu akka itti dhufe hin beeknu; kanaaf kaiitii
waaqayyoolii nu dura adeeman nuuf tolchi!jedhan. Kana irratti Aaron, Amartii warqee gurra
dubartoota keessanii, ijoollee dhiiraa keessanii, ijoollee durbaa keessaniitiis ciraatii as anatti
fidaa! jedhe. Namootni hundinuu amartii gurra isaanii irraa ciranii gara Aaroniitti ni geessan.
Inni immoo warqicha isaan harkaa fuudhee mia ittiin hojjatuun bifa itti baasee, warqee
baqfamaa irraa dibicha (jabbii) isaaniif hojjate; yommuus isaan, Yaa Israael Waaqayyo kee
inni biyya Gibxii si baase isa kana jedhan (S.Bau 32:1-4).
Mootichi Nebukadnezaar jedhamu fakkii bifa ofii isaa ciqilee jaatama tau dhaabe uummatni
akka isaaf sagadu godheera.
Nebukadnezaar mootichi bifa fakkeenyaa hojjaa isaa dhundhuma jaatamaan, balina isaa
immoo dhundhuma jaaan warqee irraa hojjachiisee, Baabiloon kutaa biyya keessaa bakkee isa
afaan isaaniitti Duraa jedhamu keessa dhaabe.Nebukadnezaar nama ergee warra kutaa biyyaa
bulchan, warra mataa kutaa hojii irra jiran, abboota biyyaa, warra gorsituu, warra
horii(maallaqa) baatan, abboota firdii, warra seera eegsisan, warra kutaa biyyaa keessatti aboo
guddaa qaban hundumaa walitti waamsisee,namni gombifamee hin sagadne siuma sana
iddoo abiddi itti bobau keessatti ni darbatama jedhe.namoonni saba garaa garaa fi gosa
garaa garaa keessaa dhufanii, afaan garaa garaa dubbatan, bifa fakkeenya warqee irraa
hojjatame Nebukadnezaar mootichi dhaabeef gombifamanii sagadan (Dan 3:1-7).
2.2.Daagon
Warri Filisxeemotaa waaqa tolfamaa kan mataa isaanii qabu. Innis maqaan isaa Daagon
jedhama. Waaqi tolfamaan kun waaqa midhaanii yookiin waaqa biqiltuu jedhamees akka
beekamu seenaan ni ibsa.
Gurguddoonni Filisxeemotaa, Daagon Waaqayyoon keenya, harka keenya keessa buuse
Siimson diina keenya jedhanii waaqayyoo isaaniitiif kennaa qalma guddaa isaa
dhieessuudhaaf isatti gammaduudhaafis walitti in qabaman (Abo. Firdii 16:23).
2.3.Kemosh
Warri Moaabotaa waaqa tolfamaa maqaan isaa Kaamosh jedhamu ni qabu. Isaafis sagaduun
aarsaa garaa garaa ni dhiyeessuuf.
Solomoon yommuus tulluu mandara Yerusaalem irraa gara baa-biiftuu jiru irratti iddoo itti
Kemosh waaqayyo tolfamaa warra Moaab isa ciiggaasisaaf, Moleek waaqayyo tolfamaa warra
Amoonotaa isa ciiggaasisaaf sagadan in ijaarsise. Akkasuma inni dubartoota isaa warra biyya
ormaatii fuudhe warra ixaana aarsanii waaqayyoolii isaaniitiif aarsaa dhiyeessan hundumaafuu
iddoo sagadaa in ijaarsise (1Mot 11:7-8).
2.4.Moleek
Waaqni tolfamaan kuni immoo saba warra Amoonotaa biratti kabaja guddaa kan qabuu fi
kennaafi aarsaan akkasumas sagadnis kan dhiyaatuufiidha (1Mot 11:7-8).
Waaqayyoolii tolfamoo kanneen akka Kemosh fi Moleek kanaaf ijoollee abiddatti gubuudhaan
aarsaan ni dhiyaataaf.
Ani Waaqayyoo dha; ati ijoollee keeti keessaa tokko illee Moleek Waaqayyo tolfamaadhaaf
ibiddatti dabarsitee hin kennin! Maqaa ana Waaqayyo keetiis hin xureessin! (S. Lew 18:21).
Isaan waanuma ciiggaasisaa Waaqayyo jibbu waaqayyoolii isaaniif godhanii, ilmaan isaanii fi
intaloota isaanii iyyuu ibidda keessa buusanii waaqayyoolii isaaniif gubaniiru; ati garuu
Waaqayyoo gooftaa keef akkas hin godhin (S. Kes 12:31).
Isaan ilmaan isaanii, intaloota isaaniis aarsaa godhanii, hafuurota hamootaaf in dhiyeessan
(Far 106:37).
2.5.Bieel Zebul
Waaqni tolfamaan kun kan waaqeffamu Eqroonittiidha. Hiikkaan isaas Gooftaa
titiisaa/tiitichaa kan jedhuudha.
Ahaab mootiin Israael erga duee booddee, biyyi Moaab Israael irratti in kae. Yeroo sanatti
Ahaaziyaan mana isaa isa Samaariyaa keessaa hulaa kutaa manichaa isa ol aanu keessa baee
waan kufeef, miidhamee in ciisa ture; inni kana irratti, Dhaqaatii dhukkuba kanattii nan fayya
yoon tae, Baaal Zebub waaqayyo warra Eqroon anaaf gaafadhaa! jedhee namoota in erge
(2Mot 1:1-2).
Waaqni tolfamaan kun kakuu moofaa keessatti Bieel Zebub kan jedhamu yommuu tauu kakuu
haaraa keessatti immoo Bieel Zebul maqaa angafni seexanaa ittiin waamamuudha.
Yommuus namicha hafuurri hamaan keessa jiru, iji isaa jaamaa, arrabni isaas didaa tokko
gara Yesuusiitti fidan; inni immoo arrabni namichaa akka dubbatu, iji isaas akka argu godhee
isa fayyise. Yommuus namoonni hundinuu naanii dinqifatanii, Kun ilma Daawit tauu hin
dandauu? jedhan. Warri Fariisotaa yommuu kana dhagaan garuu,Namichi kun Biel Zebul
angafa seexanootaa duwwaadhaan hafuurota hamoota baasa jedhan (Mat 12:22-24).
Waaqayyooliin tolfamoon kanneen qofa miti. Hadaad (Baaal), Moot, Anaat, fi Riimoon
kanneen jedhaman biyya Sooriyaa keessatti ni waaqeffatamu.
Gama biraatiin immoo biyyuma keenya keessatti iddoo garaa garaatti maqaa fi bifa sagadaa
garaa garaa haa qabaataniiyyuu malee waaqayyooliin tolfamoon baayeetu jiru. Tarii maqaalee fi
gosti waaqayyoolii kanneenii baayinaan Kibba Itoophiyaatti (Kibba Oromiyaa fi Naannoo
Uummattoota Kibbaa dabalatee) kan argaman yommuu taan achumattis iddoo tokko irraa gara
iddoo biraatti garaagarummaa qabaachuu waan dandaaniif dubbistoonni gamanumaan kana
yaada isaanii keessa galfachuu qabu. Isaan kanneenis mee tokkoo tokkoo isaaniitiin haa ilaalluu.
2.6.Gimbee
Gimbeen wanta harka namaatiin tolfamuudha. Innis baala weessii (warqee) fi biqiltuu gara garaa
irraa wanta ni taa jedhan sana walitti makuun kan hojjatamuudha. Biqiltuun tamboo jedhamu
tokkos itti makameeti hojjatama.
Namni Gimbee kana qopheessee uummataaf raabsu woyyuu/woyyicha jedhamuun beekama.
Innis uummata keessatti kabajaa fi sodaa guddaa kan qabuudha. Akkaataan itti fayyadama isaas,
yommuu namootni wal dhaban yookiin quuqaa sababa garaagaraatiin wal irratti qabatan yookiin
immoo qabeenyi nama tokkoo isa kan biraatiin yommuu badu abbaan dhimmaa sun gara
woyyichaa deemee dhimma isaa itti himata. Woyyichis dhimma kana erga abbaa dhimmaa sana
irraa hubatee booda namni yakka raawwate sana waamuudhaaf jecha Gimbee baasa. Sana booda
abbaan dhimmaa sun Gimbee qophaaeef sana mana namicha isa yakka raawwatee sanaa
fuulduratti mukaan dongoree kaaa.
Gimbee sana keessa xalayaan waamichaa kan akkana jedhutu keessa kaaama.
Guyyaa _____, Obboo _________f. Dhimmi gara mana Woyyichaatti waamamuu keessan
ilaala. Badii isin hojjattaneef gara mana woyyichaatti waan waamamtaniif hadaraa siinii,
hadaraa, medhechoo (baala weessii isa furdaa jechuudha), hadaraa jabanaa, hadaraa bunaa,
hadaraa waaqaaf lafaa, hadaraa woyyichaa.gaafa guyyaa________,ganama keessa saaatii
_________tti gara mana woyyichaatti akka dhiyaattan waamicha isiniif goona.
Gaafa gara mana woyyichaa sana dhaqan wantootni aarsaa waaqayyicha sanaaf godhaman
kanneen akka bunaa, ixaanaa, tamboo, jinnii, karbii, sandalii fi kanneen biroo ni geeffamu.
Woyyichi sun mia amma dhiyaateef kana fudhachuun waaqayyicha sana ni kadhataaf.
Yakki namichaas erga qoratamee booda akka kafaluuf ni godhama. Yoo kafaluu dide yookiin
yoo waamicha kabajuu didee hafe waaqi sun adabbii armaan gadii kanneen namticha ajajamuu
dide sana irratti geessisa jedhamee amanama. Isaanis;
Dua ;
Jireenya isaa guutuutti dhibee fi rakkoo garaagaraatiin dhiphachuu;
Horiin irraa dhumuu;
Miidhaa/balaa qaamaa garaagaraa;
Ijoolleen jalaa duuu;
Maasiin/fichaan isaa omisha gaarii kennuu diduu;
Haati manaa isaa wanta lubbuu hin qabne yookiin lubbuu qabaatee qaama guutuu kan hin
qabne yookiin immoo bineensa dauu dauu;
Namni nama sanaa hangaa gosa torbaatti dhumuu kan jedhuu fi kkf dha.
Miidhaa/balaa armaan oliitti tuqame kanneen nama sanarratti geessisuuf woyyichi haala
garaagaraa kan namticha sanarra gauu qaba jedhee amanu sana gochaan agarsiisaa yookiin
maqaa dhaaa waaqa tolfamaa sana kadhata. Qeyee namticha quuqaa irraa qabanii sanatti daaraa
bittimsuu fi wanta garaagaraa awwaaluudhaan ollaan nama sanaas akka mana sana seenee buna
hin dhugne, bishaan madda tokkorraa akka hin waraabbanne, ijoolleen isaanii akka horii walitti
hin bobbaasne gochuu fi namni sun yeroo gara namaa dhaqu akka hin keessummeeffamne
godha.
Haalli armaan olii kun yommuu tolfamu namichi nama isa kan biraa irraa quuqaa qabu sun ani
qaallicha yookiin woyyicha irratti obboo abalutti sagadeera! jedha. Kana jechuun mana
qaallichaa/woyyichaa sana keessatti sagadaa fi aarsaa garaagaraatu godhamaaf jechuudha.
2.7.Botowaa
Inni kun gosa Gimbee taee Gimbee caalaatti kan sodaatamuudha. Kan tolfamus biyyee
suphee/faara irraati. Garaagarummaan Gimbee fi Botowaa gidduu jiru, Botowaan biyyee
suphee irraa bifa nama qaama guutuu hin qabnee, bineensa, yookiin uumama adda tae tokkotti
fakkeessanii hojjatu. Namni botowaan kun qeee isaatti awwaalame ni dua yookiin uumama
lubbuu hinqabnetu qeee sanatti dhalata yookiin immoo namni qeee sana keessa jiru ni dhuma
jedhamee sodaatama.
Haalli sagadaa, aarsaan isaa fi humni waa namarra geessisuu isaa kan Gimbee caalaatti ni
sodaatama.
2.8.Xanoo
Xanoo jechuun isa afaan Amaariffaatiin Xinqolaa jedhamu sanaadha. Namni quuqaa yookiin
dhimma nama biraa irraa qabu gara mana xonqaayii deemee akka inni duu, yookiin maraatu
xanoo itti xana. Namni sunis balaa garaagaraatiin saaxilam, ani dua, ni maraata, humni dalaggaa
isaa ni hirata, fi kkf jedhamee amanama.
2.9.Tolcha qalachuu
Wanti qalamu yeroo baayee hoolaa, reee, fi lukkuudha. Namni hiyyeessi horii kana hin qabne
biqiltuu maqaan isaa hiddii (buqqii fardaa) jedhamu qalata. Inni kun kan godhamu yoo namni
tokko rakkoon tokko isarra gahe rakkoon lammaffaa deebiee akka isarra hin geenye faroo
qalatee ofirra dabarfata. Kana jechuun erga namni sun horii sana qalatee dhiiga horii sanaa jala
hulluuqee dabree rakkoon sun lammata akka nama sanatti hin deebinetti amanama. Namni horii
sana qalus woyyuu, qaalluu, xonqaayii fi nama guddaa naannoo sanatti hojii kanaan
beekamuudha.
2.10. Qodha
Wanti tokko raawwatamee wanti raawwatame sun rakkoo taee mulachuu ni dandaa. Namni
rakkoo kanaaf sababa taa jedhame sun lubbuudhaan kan hin jirre yoo taee rakkoo uumame
kanaaf furmaata akka kennuu gara awwaalcha/hirreensa nama sanaa deemanii ekeraa ni dubbisu
yookiin ni qoratu jechuudha. Qabeenya baayees awwaalcha sana bira kaauudhaan akka
waaqaatti gargaaramu. Macaafa Qulqulluu keessatti;
Ani Waaqayyo gooftaa keeti, gara eker-dubbiftuutti hin garagalin, isaaniin xuraauudhaafis
warra ekeraa dubbisan hin iyyaafatin (S. Lew 19:31) jedhamee barreeffameera.
Qodha kan jedhamu kanaan kan wal fakkaatu immoo faacii kan jedhamus jira. Akkaataa faacii
yookiin qorannoo sanaatti qabeenya hamma barbaadame awwaalicha cinaa kaauudhaan faaciin
raawwata jechuudha.
1.11. Xaaree
Xaareen baala biqiltuu yookiin wanta biqiltuu irraa hojjatamee dha. Namni qabeenya isaa hattuu
akksumas horii irraa eeggachuuf xaaree itti xaarfata. Egaa xaareen qabeenya namaaf eega
jedhamee amanama. Xaareen osoo qabeenya sana irra jiruu namni yookiinis horiin qabeenya
sana yoo tuqe ni dua yookiin immoo ni dhukkubsata jedhamee amanama.
1.12. Gabrieelii fi Mikaaeel
Jia keessatti Gabriieliin gaafa guyyaa 19 kan kabajamu yommuu tauu Mikaael immoo gaafa
guyyaa 12 kabajama jechuudha. Gaafa guyyoottan kanneenii wantoota godhaman keessaa
gurguddoon; farsoon ni dhugama, buusiin garaagaraa ni buufatama, silatni silatame ni gala,
silatni haaraan ni silatama, okkoteen yookiin jabanaan ni dhungatama, Gabrieel ykn Mikaael
akka ummata sana eebbisu ni kadhatama, akka balaa hamaa isaanirra dabarsu ni kadhatama, akka
dhibamaa uummata keessa jiru fayyisu ni kadhatama. Egaa kana hundumaa kan godhu Gabrieel
yookiin Mikaaeel jedhamee amanama. Guyyoottan lamaan kanneenitti (12 fi 19) hojiin
kamiiyyuu hin hojjatamu.
Macaafni Qulqulluun garuu akkana jedha; waaqayyo keetiif sagadi malee wantoota tolfamoo
kamiifuu gad hin jedhin. Darbees namni wanta kana godhee argame abaaramaa akka tauudha
kan dubbatu.
Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa
gad lafa jala jiruu hin tolfatin. Ati bifa fakkeenya kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjatin! Ani
waaqayyo gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha; cubbuu abbootaa hamma dhaloota sadii,
hamma dhaloota afuriittis harka ijoollee warra na jibbanii keessaa nan barbaada. Dhaloota
warra na jaallatanii abboommii koo eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa koo nan
agarsiisa (S. Bau 20:4-6).
Namni bifa Waaqayyoo arge kamiiyyuu waan hin jirreef wanti waaqa nuuf taa jedhamee harka
namaatiin hojjatamee yookiin yaadaan akkana taa jedhanii itti fakkeessan kamiiyyuu waaqa
tolfamaadha. Bifa namaattis taee bifa humnoota samii irra akkasumas bifa bineensaatti yookiin
urjiiwwaniitti fakkeessuun Waaqa tolfamaa sagaduudha.
Kanaafis isin ofii keessanii of eeggadhaa! Isin gaafa Waaqayyo Siinaatti ibidda guddaadhaan
isinitti dubbate sana bifa tokkollee hin argine; isin fakkaattii waan tokkootiin bifa qirixame
tolfachuudhaan karaa irraa akka hin kaanneef of eeggadhaa! Bifa waan tokko illee, kan dhiiraa
yookiis kan dubartii, fakkaattii bineensa lafa irraa tokko illee fakkaattii wanta baaleedhaan
qilleensa irra balaliuu tokko illee,.tolfachuu irraa of eeggadhaa! Gara waaqaatti ol ilaaltanii,
biiftuu, jia, urjoota, macca waaqa keessaa hundumaas yeroo argitan, wallaalchifamtanii, warra
Waaqayyo gooftaan keessa saba guutummaa bantii waaqaa jala jiraniif kenne sanaaf akka hin
saganneef, isaaniifis akka hin hojjanneef of eeggadhaa!......... (S. Kes 4:15-24).
Gubbaa samiittis taee lafa irraatti Waaqayyo tokkicha qofatu jira. Sagadnis isuma qofaaf
barbaachisa. Tarii namni dhala hin qabne tokko Mikaael yookiin Gabrieelitti silata. Akkana
jedhaan; yoo ati dhala naaf kennite galatoo siif galcha jedhee silata. Galatoon kunis korma
loonii, korbeessa hoolaa, lukkuu, midhaan, yookiin qarshii tauu dandaa. Kan nama dinqu
immoo gadaamessa dubartii keessatti sanyii/dhala kan uumu ergamoota osoo hin taane
Waaqayyo tauu isaati.
Garaa haadha kee keessatti utuu si hin tolchinan si foadhe. (Erm 1:5).
Kennaan galataas kennamuu kan qabu Waaqayyo isa waan hundumaa dandau qofaafiidha.
Maqaan Mikaael fi Gabriiel jedhu kun maqaa ergamoota Waaqayyooti. Mikaael angafni
ergamootaa iyyuu, yeroo reeffa Musee irratti Seexanaa wajjiin walitti falmanii wal qoccolan,
Gooftaan sitti haa dheekkamu! jedhe malee, arrabsee itti faraduudhaaf ija hin jabaanne (Yih
9). Elsaabeex ulfooftee jia jaaffaa isheetti, ergamichi Gabrieel Waaqayyo biraa kutaa biyya
Galiilaa mandara Naazireet jedhamutti ergame (Luq 1:26).
Kutaaleen Macaafa Qulqulluu armaan olii kunneen ergamoonni Waaqayyo kanneen Mikaael fi
Gabrieel jedhaman akka jiran nutti dubbatu. Ergamootni waaqayyoo immoo kan ofii isaanii
karoorfatanii rakkoo keenya nuuf argan yookiin fedha Waaqayyootiin alatti waan nuuf
barbaachisu nuuf godhan osoo hin taane Waaqayyo biraa fi akeeka Waaqayyootiin kan waaee
keenyaaf ergamaniidha.
Karaa ati deemtu hundumaatti, akka si eeganiif ergamoota isaa (Waaqayyo) siif in abbooma,
(Far 91:11). inni harkaan na qabe sun Yaa Daanieel nama guddaa jaalatamaa, amma ani
gara keetti waanan ergameef, dubbii isa ani sitti dubbadhu yaadaan qabi, iddoo jirtuttis ol
qajeelii dhaabadhu! naan jedhe; (Dan 10:11).
Ergamoonnis kan uumaman harka Waaqayyootiiniidha. Isaanumti ofii isaanii Waaqayyoof ni
sagadu.
Ani Yohaannis kana hundumaa dhagaeera, argeeras; kana dhagaee, argees erga ani
raawwadhee, ergamaa isa kana hundumaa anatti argisiiseef sagaduudhaaf miila isaa jalatti nan
kufe. Inni garuu, Kana gochuun siif hin tau! Ani siif obboloota kee warra raajotaaf, warra
dubbii Macaafa kanaa eeganiifis hidhata hojiiti, Waaqayyoof sagadi naan jedhe (Mul 22:8-
9).
Yommuus ergamaan sun, Warri gara cidha gaaela hoolichaatti waamaman haa gammadan!
Atis kana caafi! Itti dabalees,Kun dubbii Waaqayyoo isa dhugaa dha naan jedhe. Kana irratti
isaaf sagaduudhaaf miilla isaatti nan kufe; inni garuu, Kana gochuun siif hin tau! Ani siif,
obboloota kee warra isa Yesuus dhugaa baetti qabamaniifis hidhata hojiiti, Waaqayyoof
sagadi naan jedhe. Inni Yesuus dhugaa bae immoo isa hafuurri namoota raajii
dubbachiisuudha (Mul 19:9-10).
Kutaaleen Macaafa Qulqulluu armaan olii kunneen akka nutty himanitti, ergamtootni ofii
isaaniitiif sagadamuu akka hin dandeenyeefi sagadni Waaqayyo qofaaf akka barbaachisuudha.
Wanti goonu hundi maqaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiin qofaa tauu qaba. Dhuguma,
dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu waan ani hojjadhu hundumaas in hojjata; ani gara
abba waanan dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu in hojjata. Abbaan ilma isaatiin ulfina akka
argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha. Waanuma tokko isin
maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha (Yoh 14:12-14).
Wantootni armaan olitti barreeffaman kanneen akka gimbee, botowaa, xaaree, tolcha,
guyyoottan Gabrieel fi Mikaaeel fi kkf baayee sodaatamu. Yeroo tokko tokko sodaafi ulfina
waaqayyoof hin kennamin isaaniif kennamaa jira. Namni wanta namaa hatuu kan sodaatu sababa
hanni cubbuu taeef osoo hin taane tarii xaareen irra jiraachuu dandaa jedhanii kan sodaatan
lakkoofsa hin qaban. Wanti harka namaatiin hojjatame hammam akka waaqa namarratti taate
asirratti hubachuun ni dandaama. Kun isa macaafni qulqulluun Waaqa tolfamaaf hin sagadin!
jedhuudha. Dhalootni kiristoositti amanee lammii haaraa tae kamiiyyuu hirriibaa kauu qaba.
Wantoota duraan dhiifaman kan amma deebianii waldaa xureessaa jiran macaafa qulqulluutiin
gaggeeffamee barbadeessuu kan qabu dhalootuma kanaadha.
Mootii Israael kan beekaan Solomoon bara jireenya isaatti naaf tau jedhee dubartoonni inni
fuudhee bara dulluma isaatti laphee isaa waaqayyoo akka inni deebifatuufi waaqa tolfamaaf
iddoo sagadaa akka inni ijaaru taasisaniiru.
Solomoon mootichi warra ormaa keessaa intaloota baayee ni jaallate; inni intala mootii Gibxii
malee, durba warra Moaab, durba warra Amoon, durba warra Edoom, durba warra Sidoon,
durba warra Heet ni fuudhe. Isaan saba warra kaan warra Waaqayyoo waaee isaaniitiif
Israaelootaan, Isaan yaada keessan gara Waaqayyoolii isaaniitti akka hin jalifnetti, intaloota
keessan ilmaan isaaniitti hin heerumsiisinaa, ilmaan keessanis intaloota isaanii hin fuusisinaa!
jedhe keessaa turan. Solomoon garuu isaan jaallatee isaanitti in maxxane. Solomoon
yeroo dulloometti dubartoonni isaa yaada isaa gara waaqayyoolii kan biraatti in jalisan.
inni yaada isaatiin Ashtaarot waaqayyittii tolfamtuu warra Sidooniifi Moleek waaqayyoo
tolfamaa warra Amoonotaa isa ciiggaasisaa duukaa in bue. Solomoon fuula waaqayyoo duratti
wanta hamaa hojjate malee, akka abbaa isaa Daawit guutummaatti waaqayyoo duukaa hin
buune 1Mot 11:1-6
Haras warri laphee isaanii waan fooniitiifi waan duri dhiisanitti heerumsiisan akkuma Solomoon
waaqayyo gaddisiisuun isaanii booqaa hokkole. Mee sia tokko waan hojjachaa jirru of haa
laallu. Medirekii irratti tajaajilaa jirru mee haa ilaallu. Dhuguma medirekii keenya irratti kan
lallabamaa jiru kiristoosii? Siyaasaan mata isaa dhokfatee nu keessa galee hin jiruu? Wantoota
dur ganne meeqa amma duubatti deebifnee itti fayyadamaa jirra? Mammaaksa namni afaan
Ingiliffaa dubbatu tokko mammaake dhageessee jirtaa? To get something, you have to loose
something! waan tokko argachuudhaaf isa tokko dhabuu qabda jedha hiikkaan isaa. Kiristoos
nuuf taa jennee wantoota dhaalaan arganne kan laphee keenya gara waaqa tolfamaatti harkisan
hedduu dhiisnee turre. Seexanni qaroon garuu dhuftee Maaliif isaan kanneen gattee?
Eenyummaa kee hin dagatin! Kana kana deebisii itti fayyadami! nuun jennaan wantoota dur
ganne deebifnee itti fayyadamaa jirra.
Akkuma dura dubbannee wabiin (reference) keenya Macaafa Qulqulluu dha. Wanti Macaafa
Qulqulluudhaan alatti mana sagadaa keessattis taee alatti dalagamu kamiiyyuu xaaotii yookiin
waaqa tolfamaa sagaduudha. Warri ergamaan akka ofii isaatiif lafaa kaee isaan gargaaruutti
godhanii ergamaadhaaf sagadaa, guyyoottan ergamootaaf kennuudhaan sirna ofii isaanii uumanii
ittiin tajaajilaman eessaa akka fidan beekuun rakkisaadha. Ergamaa kadhadhaa! Innis isin
gargaara kan jedhu eessa keessatti barreeffame? Guyyoottan Gabrieelii fi Mikaaeliif adda baan
kunneen kutaa Macaafa Qulqulluu isa kam keessatti barreeffamanii jiru? Kitaabileen seenaa
garaa garaa amantii keenyaaf buuura tauu qabuuree? Moo isa jechaan abbootii keenya irraa
dhufeen amantiin keenya buuureffama?
Buuurri amantii Kiristaanummaa (warra gooftaa Yesuusitti amananii fayyan jechuu kooti)
Macaafa Qulqulluu dha malee kitaaba seenaa kamiiyyuus miti. Macaafa obboo ebeluun
barreeffame osoo hin taane hafuura Qulqulluudhaan akeekamuudhaan kan barreeffame sanatu
wabii keenya tauu qaba. Isa afaaniin dhalootarraa dhalootatti dabraa dhufes miti.
Gooftaa Dafee Dhufa! Haa Qophoofnu!
Qopheessaan:
Alemayehu Hotessa Edema
Address:
Cell phone: +251910 53 41 58
Facebook: Alemayehu Hotessa/ahe.edema
Addis Ababa, Ethiopia