3 Ffaa
3 Ffaa
Diraamaa Raadiyoo
Taatota
Abbaa Tamaam
Dr. Abdii
BARSIISAA
1 A/tamaam Umar maalif jiddutti addan kuchisifta nuti si biratti kabaja hin qabnu?
2 Naahimaa Falli akka argamuuf rakkina jiruu nutis dhageenye yoo danda'ame fala itti
kennu wayya.A/tamaam immo rakkina kana dhisati rakkina kamifiyyu
nama fala kennanidha.jaarsi biyya keenya isaani kanaafuu kabajaa kennutu
sirra egama.
3 A/tamaam Faaxee mee itti fufi amma booda garuu umar jidduudhan addan kutta
taanan dubbicha dhiifne kaana.
4 Faaxee Dubbiin keenya inni guddan har'a asitti nu argamsiiselle rakkina jalqaba
akkuma jiruutti ta'e. garuu ammalle haadha mana dabalatan fuudhuf
barbaada jira.nuti ijoolle keenya guddifachuu osoo hin danda'in akkamittii
hadha mana dabalata anarratti dabala.anis kan mana koo dhiise baheefille
guyya har'a haadha isa waliin ta'ani duula narratti banan.
5 Umar Haadha koo bira maaltu si geese yoo soba kee afuufu barbaadde
anumarratti xumuri.
6 Naahimaa Umar mee tasgab'i maaliif akkas taata.wanti amma faaxeen dubbatte kuni
hundi seeran si gafachiisu danda'a.kanaafuu tasgaba'i.
7 Umar Maalif seeran na gaafachiisa haadha mana lammata fuudhun anan jalqabee
isinitti fakkata?
8 Naahimaa gaa'ela irratti ga'ela dabaluun seeran akka si gafachiisu beeku qabda.
9 A/tamaam Hubanno hin taane qabatani deemun gaari miti. gaa'eela jiruu haala
gaariidhan osoo hin qabatin gaa'eela bira dabaluun hin
barbaachisuu.rabbille kana sirra hin jaalatu.
10 Umar Ani haadha too walinille mar’idhe jira. Intalattinille ulfoftee jirti kanafuu
kuni dubbi dhumaataadha.
11 A/tamaam akka quraanni jedhuuti namni tokko qabeenya yoo qabaate fi qabeenyi isa
namni to’atu yoo dhabame fi ijoolle gaha hin qabu yoo ta’e warra
dabalatas yoo fuudhe bulchu kan danda’u qofa yoo ta’edha malee akka
amma ati irra jirtu kana yoo ta’e baayye rakkisadha rabbinille
mufachiisudha.
1 Naahimaa Kanan duraalle yeroo heddu irra dedebi’e isinitti himen jira. Karoora
maatii jechuun, tooftaa Abbaan manaa fi haati manaa hubannoon mala ulfa
ittisu fayyadamuun baay’ina ijoolee godhatanii murteessan ykn ijoollee
gargar fageessanii akka godhataniif tooftaa fayyadamaniidha.
2 Umar Akka amantiitis akka aadaa keenyatti ittisa daahumsa fudhachuun hin
hayyamamu.
3 Naahimaa Malli ulfa iittisuuf fayyadaman kunis kan ammayyaa fi kan aadaa
jedhamanii iddoo lamatti qoodamu. Karaa biraa immoo kan umamaa fi kan
namtolchee jedhamuus ni danda’u. kan uumamaa walquunnamtii saalaa
addaan kutanii sanyii dhiiraa gara alaatti baasuudha. Inni biroon immoo
guyyaa marsaan laguu dhufu lakkaa’uudhaan fayyadamuun ni danda’ama.
Kun yeroo hundaa hin gorfamu.
4 A/tamaam Kunoo ogeetti fayya akkanatti isin gargartu osoo qabdan karoora maati
dhabuun sirri miti. Isiin yeroo kanatti namoota biro gorsuu osoo
dandeessan har’a gorsa barbaaddu.
5 Naahimaa Mee A/tamaam asirratti isinille na gargaaru dandeessu mee gorsa dabalata
fi amantinis ta’e aadaan maal akka jedhuu itti hima.
6 A/tamaam Maal seetan yeroo baay’e nuuti namoonni akka nutti fakkatette adeemna.
Keessumattu wanta barbaannu malee wanta nu barbaachisuu hin
barbaannu.kanaafi amantitti fi aadaatti kan of hirkifnuufi. Amantinis ta’e
aadaan keenya namni kaamiyyu akka qabeenyi isa gahu danda’utti ta’u
qaba malee qabeenya osoo hin qabatin hin danda’u.
7 Faaxee Eyyen akkasi A/tamaam akkasatti itti naaf hima.
8 A/tamaam Ittisa daahumsa jechuun qorichaa qofaa miti.uumaman kan ittisuulle
jiraachuusa naahimaan kanan dura nutti himte jirti.
9 Naahimaa Malli ulfa ittisu inni ammayyaa kan akka dhiira maseensuu, ujjumoo
gadameessa gudunfuu, IUCDii/gadameessa keessa kan kaawaamu/, Irree
kessa kan hawwaalamu /implaantii/, bifalilmoo kan kennamu, fa’i.
1 A/tamaam Eyyen naahimaan dhugaa isheeti isinis ijoolee rabbi isinif kenne kununsuf
yaada kana fudhachutu isin barbaachisa.nahimaa mee kan biroolle
dabalifiti itti himi.
2 Nahimaa Kan biro immo Piilsii (kiniina) fudhachuudha. Dubartiin dawaa ulfa
dhorku afaaniin liqimsiti. Kunis guyyuma guyyaan fudhatamuu qaba.
Dabalatanis Kiiniinii yeroo hatattamaa fudhachuudha. Wal-quunnamtii
saalaa of-eeggannoo malee raawwatameen booda hanga guyyaa saduii ykn
saatii 72 gidduutti kan fudhatamuudha. Inni kun garuu hin gorfamu,rakkoo
aaddaa yoo tahe malee yeroo hedduu yoo fudhatame rakkoo fayyaa fiduu
dandaha.
3 Faaxee Kanas inni dhagaha hin jiru kanaafu jabeessati itti naaf hima.anis kana
booda dahuu hin barbaadu kan jiranu guddifachuu hin dandeenye.
4 Umar Niiti kana waliin dubbachuu hin barbaadu.ani yeroo kanarra kaase kan
haadha mana koo harawaa malee kan ishee walin qabnu wanti tokkole hin
jiru.
5 Faaxee Akkas taanan qabeenyi ati ana bira barbaaddu tokkolle hin jiru.
6 Umar (kolfa qoosa) keessuma dabarte qabeenya abba kooti narra fudhachu
barbaadde?.
7 A/tamaam Ijoolle nuuti akka hin jirretitti nu ilaaltan moo tuffidha.naahimaan waan
karoora maati osoo isinitti hima jirtu isin lola jalqabdu.
8 Naahimaa Umar yeroo amma kanarra kaafte wanti ati dubbacha jirtu baayye gaari
miti kanaafu karoora dhabuu keessantu kana hunda fidee.kan fuldura
keessani itti yaada hundumaa keessanifuu mee A/tamaam waan jettan yoo
jiraate itti dabalati wanta jara kana sirritti jarsummadhan ilaalu qabna.
9 A/tamaam Eyyen dhugaa keeti naahimaa isinis gara mana keessani deebi’a amma
murteessunis ni ulfaata kanaafu bellama qabanne walin dubbanna. Kan
intala ulfooftetitille achuman itti fufna.
10 sagalee Cee’umsa