0% found this document useful (0 votes)
1K views18 pages

KUTAA 2 BARNOOTA 6ffaa (Lola Hafuuura)

Falmataa FMA
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
0% found this document useful (0 votes)
1K views18 pages

KUTAA 2 BARNOOTA 6ffaa (Lola Hafuuura)

Falmataa FMA
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
You are on page 1/ 18

Kutaa 2ffaa

"Namni Waaqaa akka qulqulluu fi hujii gaariif


qophaawaa ta'uuf kitaabni Hafuurri Waaqaa irra
jiru cufti barumsa rifachiisuuf qalbii sirreessuuf
gorsa qajeelinnaatiifis ni fayyada."
Xim 2ffaa 3: 16-17

"Hiikkaan dubbii keetii ni ifa; daa'immanis


hubattoota taasisa." Far 118(119):130

1
Baafata:-

Kutaa 2ffaa

Barumsa Ja'affaa:- Lola Hafuuraatiifi Aangoo


Amantoota.........................................5

2
Tajaajila Hoga- Barruu wangeelaa
Barumsa fagoo
Kaayyoon barumsa kanaa warra Gooftaa amanuutti haaraya
ta'aniifi warra yoo amantii keessa turanillee jireenya hafuura
isaanii caalaatti cimsuu barbaadan barumsa kiristaanummaa
barsiisuufi akka isaan jireenya hafuuraatiin guddatan gargaaruufi.
Akkuma, "farda bishaanitti fidda malee akka inni bishaan dhugu
hin dirqisiiftu" jedhamu sana barnoonni kunneen yoo barattoonni
sirriitti hordofanii kutaalee kitaabaa isaan keessa jiran kitaaba
Qulqulluun wal-bira qabanii jabaatanii qayyabachuu baatan
yeruma tokko qofa dubbifachuun bu'aa barbaadamu argamsiisuu
jechuu miti. Warri barnoota kana hordoftan hundi kitaaba
qulqulluu keessan banattanii kutaalee isaatiin wal-bira qabuun
akka tokoo tokkoo barumsa kanaa cimtanii qu'attan ni barsiisa.
Barnoota kanneen dhuunffaattillee yookiin gareen kitaaba
qulqulluun qayyabachuuf itti fayyadamuun ni danda'ama. Namni
Waldaa Kirstaanaa keessatti barattoota haaraya barsiisuuf itti
gaafatama qabu tokkos itti fayyadmuu ni dand'a. Warri karaa
keennaan barnoota kanneen dhuunfaan hordofuu barbaaddan
garuu duraan dursitanii galmeeffamuu fi lakkoobsa eenyummaa
fudhachuu qabdu. Sana booddees gaaffilee xummuramaa tokkoo
tokkoo barmoota kana irra jiraniif deebii quubsaa erguun
barmoota fagoo kana itti fufuu dandeettu.
Barnoonni fagoo kunneen barnoota bu'uuraa kudhanii-
lama uf keessaa qaba; Kanas afur afuriin kutaa sadiitti qoonnee
dhiyeessineerra. Mata dureewwaan isaaniis mata dureewwan
kiristaana tokkoof ni barbaachisu jennee itti amannee dha.
Barnoota kanneenis yaada tokkoo fi qalbiidhaan qayyabattanii
akka deebii quubsaa barumsa sanaan wal-fudhatu kennitan malee
jarjarsuufi uf-irraa baasuuf jettanii yookiin deebii barumsa sanaan
wal-hinfudhanne akka hin kennine isin yaadachiisna.

3
Mata Dureewwan Barnootaas kanneen armaan
gadi jiranii dha.

Kutaa Tokkoffaa
1. Fayyinna
2. Dubbii Waaqaa
3. Waaqa Kadhachuu
4. Amantii

Kutaa Lammaffaa 5. Tokkummaa amantootaa


6. Lola Hafuuraatii fi aangoo
amantootaa
7. Sirnaallee waldaa kirstaanaa
8 . Kennuu (arjoomuu)

Kutaa sadaffaa 9. Sadan tokkummaa Waaqaa


10. Hafuura Qulqulluu
11. Deebi'ee-dhufaatii Gooftaa
12. Tajaajila

Yoo isin barnoota afran kutaa kana keessatti argaman sirriitti


qayyabattanii deebii isaanii walitti qabdanii nuu ergitani deebii
keessan ilaallee kutaa itti aanu isinii ni ergina. Yeroo kutaa 3ffaa
xummurtanitti immoo, waraqaa ragaatii fi traanskiriptii barnoota
fagoo kana xummuruu keessan mirkaneessu isinii ergina.

4
Barumsa Ja'affaa; Lola Hafuuraatiifi aangoo
amanaa
Lola Hafuuraa jechuunn maal jechuu dha?

Hafuura: jechuun waan addunyaa ijaan argamuun ala jiru


yookiin waan addunyaa ijaan hin argamne muldhisu jechuu dha.
Lola dubbiin lola jedhummoo wal-dhabiisa humnoota waliin
morman lama jidduu jiru agarsiisa.
Lola Hafuuraa: Yommuu lola hafuuraa jennu, lola nama
amanuu fi sheexana jidduu jiru jechuu keenya. Yommuu waayee
lola hafuuraa yaannu otoo Waaqaa fi sheexana wal-qixxeessinee
sheexanni fuuluma fuulaan Waaqa lola jechuu keenna hin ta'in
sheexanni waan hafuura hamaa diina qajeelinnaa ta'eef akka inni
namoota qajeelinnaan deddeebi'anii fi warra qajeelinnaan
deddeebi'uu yaalaniin mormu ifatti baasuuf jenneeti.
Namoonni mi'a waraanaa qabatanii diina isaanii balleessuuf
waraana dhaqu. Diinnis isaan balleessuu barbaada. Addunyaa
hafuuraa keessattis diina" hatuu fi qaluu, balleessuus"dhufu
qabna. (Yoh 10:10)

I. Waraanni jiraannaan diinni jira

Dinni keenna Eennu?

"Daabiloos diinni keessan waan liqimsu barbaadee, akka leenca


barooduu nanaanna'a..." (Phe 1ffaa 5:8) "...Mootum- maan samii
nama sanyii gaarii facaase fakkaatti. Yeroo namoonni rafanitti
garuu diinni dhufee qmadii (dargaayyee) keessatti aramaa
facaasee deeme..." (Mat 13:24-25).

"...Aramaan sunis ijoollee isa hamaa sanaa ti. Dinni facaase sunis
daabiloos." (Mat 13:39). Akkuma kutootii kanneen irratti
hubannutti diinni keenya daabiloos (sheexana).
5
Sheexanni akkamitti dhiina keenna ta'e?

Sheexanni jalqabatti akka diina ta'uuf hin uumamne. Inni


Maleekkota kabajamoo kanneen akka Waaqa guddaa tajaajilaniif
uumaman keessaa tokko ture.
Dubbiin Waaqayyoo Waayee isaa akkana jedha:
- Ati ogummaadhaan guutamteerta; midhaaginni kees haga
(madaallii) hin qabu.
- Dhagaan gati-jabeeyyiin hundi... uffata kee ture.

- Jannata Waaqayyoo, Eden keessa turte.

- Ati akka Kuruubeel eedduuf dibamtee turte.

- Ani gaara Waaqa isa qulqulluu irraa si jiraachise

- Ibidda dhagaa jidduu deddeebite.

- Gaafa uumamtee jalqabdee hangayeroo hammeenni si


keessatti argame sanaatti karaa kee irratti mudaa hin qabdu
turte. His 28:12-15
Garuu Kitaabni Waaqaa akka inni sababii guddinna ulfinna
isaatiif garaa isaa keessatti of tuule, akka inni Waaqa irratti
fincile, kanaafis ergamtoota isaa waliin akka samii irraa gadi
darbatame ni dubbata. " Ati yaa ilma barii, yaa bakkalcha barii, ati
akkamitti samii irraa kufte? Ati garaa kee keessatti, Ani ol nan
ba'a; teessoo kiyyas urjoota Waaqaatii olitti ol ol nan godhadha.
Daarii kaabaa (mirgaa) gaara wal ga'ii irra nan taa'a. Ol fageenna
duumessotaa gar-irraattis ol nan ba'a. Isa waan hundaan gara- irraa
jiruttis uf nan fakkeessa' jette. Garuu Si'oolitti, boolla qileetti gadi
ni darbatamta." Isa 14:12-15

6
II) Karaa ittiin Sheexanni nama lolu

A. Yaada

Sheexanni yeroo jannata Edeni keessatti Hewwaanin qore


akka yaada dubbii Waaqayyootiin mormu sammuu isii keessa
kaayee kitaabni Waaqaa ni dubbata. (Uum 3:4). " bofnis
dubartittiin akkana jedhe, ' hin duutan; Gaafa firii (midhaan)
mukichaa nyaattan akka illi keessan banamu, akka isin akkuma
Waaqayyoos waan gaarii fi waan hamaa akka gar-gari baaftan
Waaqayyo beeka.'" Akkasumas dubbiin Waaqaa akkana jedhee nu
(beekkachiifti) akeekkachiisa; "garuu akkuma bofni haxxummaa
isaatiin Hewaanin dogongorse sana Akka yaanni keessan yaada
diinaatiin xureeffamee qajeelummaa fi qulqullummaa Kiristoosiif
ta'u irraa tarii hin jijjiiramneef nan sodaadha.: Qor 2ffaa 11:3
Sheexanni waan hafuura hamaa ta'eef, namnis uumama
isaa keessatti kutaa hafuuraa waan qabuuf (Tas 1ffaa 5:23)
sheexanni yaada hamaa namaa dhiyeessa. Garuu yaada hamaa
dhiyeessuu malee nama amanu tokko dogongorsuuf humna hin
qabu. Kiristaanni hin dammaqinii fi kan hin qophaayin tokko otoo
akka wanni yaada diinaa ta'e hin hubatin akka waan yaada ufii
isaa ta'eetti fudhata. "Lolli keenya dhiigaafi foon waliinii mitiitii...
raayyaa (loltoota) hafuuraa hamaa isa samii keessa jiru waliin
malee." Efe 6:12

Namni amanu tokko akkamitti yaada sheexanaa isa


hamaadhaan mormuu danda'a?

1. Kiristaanni yeroo cufa kadhannaa Waaqatti dhiyaatee jiraatu


yaada sheexanaa addaan baasee beeka." nu akka sheexanaan
hin gowwoomfamneef yaada isaa beenna." (Qor 2ffaa 2: 11)

2. Kiristaanni yeroo hunda dubbii Waaqaatiin guutamu yaanni


isaa hundi akkuma dubbii Waaqaa ta'a. "namni gaariin

7
gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii dhubbata." (Mat
12:33-35).
3. Namni yeroo mara hafuuraan deddeebi'u yookaan namni
hafuura qulqulluuf ajajamu waan waayee Waaqayyoo yaada
malee yaada diinaatiif iddoo (fulaa) hin qabu. " warri akka
fedhii hafuura Qulqulluutti jiraatan waayee hafuura qulqulluu
yaadu" (Rom 8:5).
Kanaaf nama amanu tokko akka inni kadhannaan, dubbii
Waaqaatii fi humna Hafuura Qulqulluutiin yaada Sheexanaa cufa
mormuu fi mowuuf, humnis aangoonis kennameeraafi.

B . Foon

Sheexanni akka qorumsi foonii cubbuu fidu, cubbuun mmoo


akka Waaqa irraa gar-gari bawuu fidu waan beekuuf nama amanu
foon isaatiin isa qora. Hawwiin foonii ulfoofte cubbuu dhalti.
Cubbuun immoo eergii guddattee booddee du'a dhalti. (Yaq 1:15).
"... Nu hundi keennas duri fedhii foon keennaatii fi fedhii yaada
keennaa raawwachaa akkuma hawwii foon keennaatti jiraachaa
turre." (Efe 2:3) . "hujiin foonii ifaa dha. Innis ejja,
xuraawummaa, halalummaa, Waaqa tolfamaa Waaqessuu, lola,
morkii, hinaaffaa, dheekkamsa (aarii), gareen namatti ka'uu, nama
ajjeessuu, machii, sirbitummaa fi kan kana fakkaatu." (Gal 5:19-
21) . " Isin hafuuraan deddeebi'aa; Hawwii fooniis hin raawwati-
naa;... yoo hafuuraan jiraanne hafuuraan haa deddeebinuu: (Gal 5:
16, 25)

C. Himata
Afaan Ibraayisxiitiin sheexana jechuun himataa jechuu dha.
Akka Sheexanni yeroo mara himataaf yookiin mormiif fuula
Waaqaa duratti dhiyaatu dubbii Waaqaa keessatti ni argina.
- Iyyoobin, namicha qajeelaa sana himate (Iyo 1:6 )
- Iyyaasuu lubicha guddaa sanas ni himate (Zak 3:1)

8
Muldhata Yohaannisi keessatti yeroo Sheexanni samii irraa
gadi-darbatametti dubii, "Himataan obboleeyyan keennaa inni
halkanii-guyyaa isaan himatu sun gadi darbatameera." jedhu
tokko dubbifna. (Mul 12:10)
Hujiin Sheexanaa fuula Waaqaa duratti nama himachuu
qofaa miti. Kiristaanni araara Waaqaa hin hubatin tokko erga
dhiifama cubbuu argateen duubattillee cubbuu isa dabreen of
himachaa fi yakkamaa of gochaa yaada dadhabbiitii fi kufaatiitiin
akka cinqamaa jiraatu gochuuf himannoodhaan isa guuta/rakkisa.
Hundeen kiristaanummaatii fi wanni kiristaanummaan
ittiin amantiiwwan kaan keessaa hiriyyaa dhabe araara
Waaqayyoo ti.
"Otuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuu du'eeraatii"
(Rom 5:8)
"Dhiigni Ilma isaa (Yesuus Kiristoos) cubbuu hundumaa
irraa nu qulqulleessaa... nu yoo cubbuu hin qabnu jenne ni sobna.
Yoo cubbuu keenya himanne ammoo innii cubbuu keenya nuu
dhiisuuf, yakka hundumaa irraas nu qulqulleessuuf amanamaa fi
qajeelaa dha." (Yoh 1ffaa 1:7-9)

"Yaa ijoolle! ani akka isin cubbuu hin hojjanneefi isinii


barreessa. Yoo cubbuu hojjanne garuu Abbaa biraa abukaattoo
qabna; Innis Yesuus Kiristoos isa qajeelaa sana". (Yoh 1ffaa 2 : 1)
"Nu hangafa lubootaa isa cubbuu malee waan cufaan
akkuma keenya qorame qabna malee hangafa lubootaa kan
dadhabii keenya keessatti nuu nawuu hin dandeenye hin qabnu."
(Ib 4:15) "Kanaaf inni fuula Waaqayyoo duratti hangafa lubootaa
kan namaa nawuu fi amanamaa ta'uudhaaf namoota dhiifama
cubbuu argachiisuuf jedhee ufii isaatii waan qoramee dhiphateef
warra qoraman gargaaruu ni danda'a" (Ibr 2:17-18)

"Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuusitti amananitti


muramu tokkolleen hin jiru" (Rom 8:1)

9
d. Barumsa sobaa

Meeshaan Sheexanaa guddaan isaa barumsa sobaa ti.


Barumsi sobaa haalawwan armaan gadi jiran qaba:

1. Ergaa Wangeelaa dadhabsiisuu fi waa itti makuu yaala.


2. Waldaa Kiristaanaa gargari qooda;
3. Gara sheexana waaqeffachuutti nama qajeelcha.
4. Waaqummaa Kiristoosiitiin morma.
5. Akka Kirisstoos Ilma Waaqayyoo ta'e gana.
6. Akka Hafuurri Qulqulluun Waaqa ta'e morma.
7. Sadan tokkummaa Waaqaa gana.
8. Fayyinna isa du'aa fi du'aa-ka'iisa Yesuus Kiristoo- siitiin
raawwatamu irratti sirnaa fi hujii seeraa ida'a.
9. Kiristoos irratti otoo hin ta'in qajeelchaa irratti yookaan
namicha raajii ufiin jedhu irratti xiyyeeffaannoo godha.
Amantiiwwan sobaa beekaman keessatti Islaamum- maan,
sochiin bara haaraya, dhuga-baatonni Yaahwee,
mormoon, "Yesuus qofti" ni argamu.

III. Karaa Gara biraatiin Wangeelli akkana jedha

1. Yesuus Kiristoos gooftaadhaa, Waaqas.


2. Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa ti.
3. Fayyinni Gooftaa Yesuusitti amanuu qofaan argama. Yesuus
waayee cubbuu keennaatiif du'ee moo'umsaan warra du'an

10
keessaa ka'e; Samiitti ol bahee Ulfinnaanis mirga Waaqaa
ta'ee.

4. Gooftaa Yesuus haala ijaan argamuun maleekkotaan


marfamee waldaa Kiristaanaa fudhachuuf duumessaan
deebi'ee ni dhufa.
5. Hafuurri qulqulluun sadan tokkummaa Waaqaa keessaa isa
tokko.
6. Hafuurri qulqulluun hardhas jireenya amantotaa keessatti ni
hojjata.

IV) Falli amantootaaf kenname maali?

Namni amanu tokko akka waan hunda sakatta'uuf qoruuf


angoo fi ajajni kennameeraaf." Yaa firootaa, hafuura mara hin
dhugeeffatinaa. Garuu hafuuronni Waaqa bira dhufuu fi dhufuu
baachuu isaanii qoraa. Raagonni sobduun hedduun gara biyya
lafaatti bayaniiruutii" (Yoh 1ffaa 4:1). Kanatti ida'ee dubbiin
Waaqaa, "Waaqatti dhiyaadhaa innis isinitti ni dhiyaataatii.
sheexanaan mormaa innis isin irraa fagaataa." (Yaq 4:7-8)
jedhee akka sheexanni ari'yamuu qabu malee akka nama ariyuu
hin qabne nu barsiisa. Akkasumas Rom 16:20 irratti: "Waaqni
nagaya dafee sheexana miila keessan jalatti ni caccabsa." jedha.
Yoh 16:11 irratti immoo bulchaa addunyaa kanaatti
jechuun akka sheexanatti murame dubbata. Kun hundi akka yoo
amanaan tokko aangoo kennameef Wallaalee sheexanaaf balbala
bane malee sheexanni nama amanu tokko irratti aangoo hin qabne
nu agarsiisa. (Luq 10:19)
Mi'a waraanaa (lolaa) kanneen amantoonni hidhachuu
qaban Efe 6:10-18 irraa dubbifna.
"Kanaa achi Gooftaafi dandeettii humna isaatti jabaadhaa.
Akka haxxummaa daabiloosiitiin mormuu dandeettaniif mi'a lola
Waaqaa hunda hidhadhaa. Qabsoon keenna dhiigaa fi foon
11
waliinii miti. Qabsoon keenna bulchitoota, aangoowwanii fi
raayaaawwan hafuura hamaa isa bakka (fulaa) samii keessaa
wajjjinii; kanaaf guyyaa hamaa sanatti akka ittiin mormuu fi
waan hundumaas raawwatanii dhaabachuu dandeessaniif mi'a
lolaa kan Waaqayyoo hunda fudhadhaa. Egaa dhugaan mudhii
keessan hidhadhaatii, maddaa qajeelummaa uffadhaatii,
wangeela nagayaatiin qophaawuun miilli keessan kophee
keewwatee haa dhaabatuu. Kana cufa irrattis xiyya isa hamaa
sanaa kan akka ibiddaa bobawu sana akka balleessuu
dandeettaniif wantee amantii fudhadhaa. Gonfoo fayyinnaas,
billaa hafuuraas qabadhaa. Innis dubbii Waaqayyooti. Kadhannaa
fi waammata cufa yeroo cufa hafuuraan Waaqa kadhadhaa."

V. Aangoo nama amanu tokkoo

Nama amanu yoo jennu, nama afaan qofaan nan amana jedhu
qofa jechuu keenna otoo hin ta'in nama akka Yesuus Kiristoos
fayyisaa jireenya isaa ta'e amanee cubbuu irraa deebi'uunii fi
dhugeeffachuun Yesuus Kiristoos fudhatee jireenya bara-baraa
argate jechuu keenya.
Amanaan tokko battala Yesuus Kiristoosin gara jireenya
isaatti fudhatutti ilma Waaqayyoo ta'uuf akka aangoo argatu
dubbiin Waaqaa nutti hima. "Worra isa simatanii fi warra maqaa
isaatti amananiif immoo akka isaan ijoollee Waaqayyoo ta'aniif
aangoo kenneef." (Yoh 1:12). Aangoo Ilma Waaqaa ta'uu kana
keessatti aangoon amanaa tokkoof kenname maal akka ta'e mee
haa ilaalluu. Ilmi mootii tokko hanga mootummaa abbaa isaa
keessa jiraatutti yoo rakkinni yookiin diinni kamiyyuu itti
dhufellee sababii ilma mootii ta'e qofaaf akka aangoon abbaa isaa
isaaf jiru ni beeka. Humnaafi aangoo ufii isaatiin otoo hin ta'in
humnaa fi aangoo abbaa isaatiin boona. Kiristaanni tokkos waan
ilma Waaqaa ta'e qofaaf aangoo kan abbaa isaa isa samii irraa isa
mootii moototaa ta'e sana biraa kennameef qaba. Innis akkuma
Phaawuloos jedhe yoo rakkinnii fi diinni kamiyyuu itti
dhufellee,"Kiristoos isa humna naa kennu sanaan waan hunda

12
nan danda'a" (Fil 4:13) jechuu ni danda'a. Sababiin dubbiin
Waaqaa Efe 6: 10 irratti, " kanaa achi gooftaafi dandeettii
humana isaatti jabaadhaa" jedhuufis kanumaa. Wanni nu ittiin
jabaannu humna gooftaatii fi aangoo isaatiin malee mataa
keennaanii miti. Aangoon ilmummaa kan nuu kenname kun
maali? Yesuus Kiristoos Luq 10:19 irratti, "Ani kunoo, akka isin
bofaa fi torbaan qabaa (qaanjibbuu) irra ejjataniif humna diinaa
cufa irratti aangoo isinii kenneera. Wanni isin miidhu tokkolleen
hin jiru" jechuudhaan aangoo guutuu barattoota isaatiif kenne
agarsiisa. Kana jechuunis Kiristaanni tokko bofa (daabiloos) isa
jannata keessatti Hewaaniin gowwoomse sana irratti aangoon
isaaf kennameera jechuu dha.
Aangoon kunis Karaa ittiin Ibsamu qaba
1. Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin

Nu waan ijoollee Waaqayyoo taaneef mirga ittiin maqaa


abbaa keennaa waammannee itti fayyadamuu qabna waayee
namoota otoo Yesuus Kiristoositti amananii aangoo Ilma Waaqaa
ta'uu hin argatiin, jinnii irratti maqaa Yesuus Kiristoosi waamuu
yaalan tokko tokkoo akka injifannoon isaan irra ga'e HuE 19:13-
16 irraa dubbisuu ni dandeenya. Dubbiin sunis akkana jedha; "
Yesuus isa Phaawuloos lallabu sanaan isin kakachiisna jedhanii
namoota hafuraa xuraawaa qaban irratti maqaa Gooftaa Yesuusi
waamuu yaalan. Hafuurri xuraawwaan sun garuu deebisee, ani
Yesuusin nan beeka; Phaawuloosinis beeka; Isin garuu eennu?"
jedheen. Namichi hafuura xuraawaa qabu sunis itti utaale. Hanga
isaan madaa'anii mana sanaa baqatanittis isaanitti jabaate; isaan
injifates." Kunis sababii isaan otoo aangoo Ilma Waaqaa ta'uu hin
argatin maqaa Gooftaa waamuu yaalaniifi. Amantoota aangoo
ilmummaa qaban garuu diinni eenyu akka ta'anii fi maqaa
Gooftaa waamuufis mirgaa fi aangoo akka qaban beeka.

Maqaa Yesuus Kiristoosi keessa aangoo akkamiittu jira?

13
Fil 2:9-11 keessatti akkana jedha; "...Waaqayyo Yesuus
Kiristoosin akka malee ol ol qabe. Maqaa maqaa cufa caalus
kenneefi. Kunis akka worri samii keessaa fi lafa irra jiran marti,
warri lafaa gadi jiran cuftis maqaa Yesuusiitiin jilbiiffataniifi akka
arrabni hundis akka Yesuus Kiristoos gooftaa ta'e, ulfinna Waaqaa
Abbaatiif dhugaa bayaniif; maqaan Yesuus Kiristoosi maqaa jilbi
hundi isaaf jilbiinffatuu fi isaaf hollatuu dha. Yeroo maqaan isaa
waamamutti hunmi fuula isaa duratti hin jilbiinffanne hin jiru.
"Yommuu Kiristoosin warra du'an keessaa kaasee moo'umsa,
aangoo, humnootaa fi gooftummaa hundaa olitti, maqaa addunyaa
kana qofa irratti otoo hin ta'in addunyaa dhufuuf jiru hunda irratti
waamamuu olitti bakka sami irraa keessa yeroo mirga isaa teessise
sana hujii karaa Kiristoosiitiin hojjate keessatti jabeenni humna
isaa ni muldhata; waan hundas miila isaa jala galcheef, akka inni
waan hundumaa mataa ta'uuf jedhee waldaa Kiristaanaatiif kenne.
Waldaan Kiristaanaa nafa Kiristoosiiti. Inni waan hundaan isii
guuta. Isiinis guutama isaati." Efe 1:19-23

Akka maqaan Yesuus Kiristoosi maqaa maraa ol ta'e, uumanni


hundinuus akka isaaf jilbiinfatuu fi akka miila isaatii gaditti isaaf
bulu kutaa armaan ol jiru irraa hubachuu ni dandeenna. Waldaan
Kiristaanaa yookiin amantoonni waan nafa Kiristoosi ta'aniif
namni miila Kiristoosi jala jiru hundi miila waldaa kiristaanaa jala
jira. Mataan nafa kanaas Yesuus Kiristoosii dha. Nafni sun garuu
waldaa kiristaanaati. Yommuu, "Inni waan cufa miila isaa jala
galcheef " jedhutti sheexanniyyuu miila waldaa kiristaanaa jala
jira jechuu dha; waldaan kiristaanaa nafa Kiristoosiitii.
Rom 10:13 keessatti dubbii, "namni maqaa Gooftaa
waammatu cufti ni fayya" jedhu dubbifna. Dubbiin kun waayee
fayyinna lubbuu qofa otoo hin ta'in, akka maqaan Yesuus
Kiristoosi maqaa nu ittiin waan hamaa mara irraa fayyinnu ta'e ni
muldhisa. Kakuu haaraya keessattillee namoonni Waaqayyoo
maqaa Waaqayyoo- tiin injifannoo akkamii akka argatan ilaaluu ni
dandeenna. Sam 1ffaa 17:45 keessatti Daawiti akkamitti
Gooliyaadin akka injifate ni dubbifna; dubbichis akkana jedha;

14
"Daawitis namicha Filisxeemi sanaan akkana jedhe; ' ati eeboo fi
bodee qabattee natti dhufta; ani garuu maqaa Gooftaa maccaa
(loltootaa) Waaqa rayya Israa'eli isa ati itti qoostu sanaan sitti
dhufa."
"Namoonni ormaa cufti na marsan. Ani maqaa Waaqaatiin
isaan moo'e, Marsiitii na marsanillee ani maqaa Waaqaatiin isaan
mooye. Akkuma kinniisni damma marsutti na marsan; akkuma
qoraattiin ibiddaan gubattutti gubatan; ani maqaa Waaqaatiin isaan
moo'e.” (Far 118: 10-12)
"Warri sun gaarii lolaa, warri sun immoo farda amanatu.
Nu garuu maqaa Waaqa keennaatiin ol ol jenna. Isaan xaxamanii
(jijjigan) kufan; nu garuu ni kaane; jabaannee dhaabanne" (Far
20: 7-8)
"Maqaan Waaqayyoo ijaarsa jabaadha. Namni qajeelaan
gara isaatti fiigee ol ol jedha." (Fak 18:10)
Akka Waaqayyo nama aangoo fi ulfinna maqaa isaa keessa jiru
beekee isa waamatu oolchu dubbiin kitaaba Waaqaa nutti hima.
"Na amanateeraatii isa nan oolcha, maqaa kiyyas beekeeraatii isa
nan (golla) golga" jedha. (Far 91:14)

2) Dubbii Waaqaatiin

Efe 6:17 irratti, "Goraadee hafuuraa qabadhaa. Innis dubbii


Waaqayyooti" jedha. Ibr 4:12 irratti immoo, "dubbiin Waaqaa
jiraataadha, ni hojjatas. Goraadee afaan lamaa caalaas
qaramaadha. Hanga lubbuufi hafuura, hiddaa fi dhuka gargari
baasutti waraana, kaayyoo fi yaada garaa namaa qora" jedha.

Yesuus Kiristoos yeroo sheexanaan qorametti qormaata


sadanuu, "barreeffameera, barreeffameera, barreeffameera" jedhee
moo'e. Yeroo sadanuu dubbii Waaqaa keessaa fuudhee dubbate.
Dubbichi waan goraadee afaan lamaa caalaa qaramaa ta'eef diina
muruu fi waraanuuf humna qaba." Mul 1:16 irratti yoo waayee
ulfinnaa fi surraa Yesuus Kiristoosi dubbatu," afaan isaa keessaas
15
goraadee afaan lamaan qarametu bahe" jedha. Dubbiin afaan
Yesuusi keessaa bawu waan dubbii salphaa hin ta'iniif akkuma
goraadee qaramaa tokkoo diina isaa kukkuta. Aangoon dubbii
kana keessa jiru nuufis kennameera. Kanaaf, "goraadee hafuuraa
qabadhaa, inni dubbii Waaqayyooti" nuun jedha. (Efe 6: 17)
Kana malees akka dubbichi humna dukkana balleessu uf
keessaa qabu agarra; "dubbiin kee miila kiyyaaf ibsaadha; karaa
kiyyaaf immoo ifa" jedha. (Far 119:105)
Namni jireenya isaa dubbii Waaqayyoo irratti hundeeffate yookiin
namni dubbii Waaqayyoo waan ittiin qajeelfamu godhatu yoo
lolaa fi bubbeen diinaa kamiyyuu itti dhufellee hin sodaatu.
Namni dubbii kiyya dhagayee ajajameef cufti nama abshaala
mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata. Bokkaan ni roobe;
lolaan ni lola'e; bubbeen ni bubbise; manichattis ni bu'e; manni
sunis sababii qarsaa irratti ijaarameef hin jinne" (Mat 7:24-25)

3. Dhiiga Yesuus Kiristoosiitiin

Humnii fi aangoon dhiiga Yesuusi keessa jiru cubbuu


hunda irraa nama qulqulleessa." dhiigni ilma isaa dhiigni Yesuus
Kiristoos cubbuu mara irraa nama qulqulleessa" (Yoh 1ffaa 1:7)
Yoo cubbuun jireenna keenna keessa jiraate diinatti ifa baana.
Diinnis nu miidha. Kanaaf humni nu ittiin cubbuu jireenna keenna
keessaa baafnu dhiiga Yesuus Kiristoosiitiifi cubbuu irraa
deebi'uudhaan. Dubbiin Waaqayyoo dhiiga horii kakuu moofaa
(dullattii) keessatti dhangalaafamaa turee fi dhiiga Yesuus
Kiristoosi kan kakuu haaraya keessatti nuu dhangalaafame wal
bira qabuun akkana jedha; "eegii dhiigni korommiitii fi dhiigni
re'ootaa, daaraan goromsaa kan warra xuraaye irratti facaafame
sun foon qulqulleessee diigni Kiristoos isa mudaa hin qabnee, isa
hafuura bara-baraatiin Waaqatti uf dhiyyeesse sanaa immoo
hagam caalaa akka isin Waaqa jiraataa Waaqeffataniif sammuu
keessan hujii du'e irraa haa qulqulleessuu ree?" (Ibr 9:13-14).
Yeroo cubbuun yaada keenya xureesse ija jabeenna nu fuula
Waaqaa duratti dhiyaachuuf qabnu nurra fudhatutti, yeroo
16
sheexannis otoo wolirraa hin kutin nu himatutti, wanni qalbii
keenya guutummaatti miicuu danda'u dhiiga Gooftaa keenya
Yesuus Kiristoos isa qulqulluu qofa.
Wantoota akka nu aangoo nuu kennametti hin fayyadamne nu
godhan.
A. Cubbuu:-
Sababii cubbuun Waaqa irraa gargari nu baasuuf humnaa
fi aangoo Waaqa irraa argannetti fayyadamuu hin dandeenyu (Isa
59:1-2). Filannoon nu qabnu fuula Waaqayyootti dhiyaannee
dhiiga Yesuus Kiristoosiitiin qulqulleeffamuu keenna amantiin
fudhachuu qofa.
Saamsoon aangoo guddaa Waaqayyo isaaf kenne sana,
akka sababii cubbuutiif dhabe dubbiin Waaqaa nutti hima.
"Ishiinis, yaa Saamsoon, 'warri Filisxeemi sitti dhufan'
jetteen. Innis hirriiba irraa dammaqee 'nan baha; akkuma kanaan
duraas nan hojjadha' jedhe. Akka Waaqayyo isa irraa gargari baye
garuu hin beenne." (Abo 16:20). Wanni akka Waaqayyo nu irraa
fagaatu godhu cubbuu dha.
B. Wollaaluma
Tarii wollaalummaan rakkinna Kiristaanotaa guddaa
isaaotoo hin ta'in hin hafu. Dubbiin Waaqaa, "sabni kiyya sababii
beekumsa dhabeef badeera" jedha. (Hos 4:6). Nu yoo aangoo
Kiristoos nuu kenne hin beennee akka ilmaatti otoo hin ta'in akka
ormaatti jiraachuu dandeenya. Nu diina moonee otoo hin ta'in
diinni nu moo'ee jiraanna. Nu diina irra deemnee otoo hin ta'in
diinatu nurra deemaa jiraanna. Beekumsa dhabuun akka ilmi
mootii akka kadhataa fi akka garbaatti jiraatu godha.

Waaqni akka nu aangoo inni nuu kenneen


jiraannuuf nu haa gargaaruu!

17
Barumsa Jahaffaa:- Lola Hafuuraatiifi Aangoo
Amantoota
Lakkoobsa Ennummaa:
Maqaa:
Bakka jireennaa:

1. Akka kiristaana irra lolli jiru dubbiin Waaqaa ni dubbata. Lola


hafuuraa jechuun maal jechuudha?

2. Lolli Kiristaanaa daabiloos waliin- Daabiloos karaa kam afaan


amantoota lola? Deebii kennite keessaa kan caalatti si ilaalu
tokko ibsi.

3. Karaan sheexanni ittiin amantoota lolu tokko yaada hamaa


sammuu isaaniitti fiduudhaan. Namni amanu tokko akkamitti
yaada hamaa sheexanni itti fidu tokko uf irraa dhowwuu
danda'a?

1. Waaqayyo karaa kamiin amantootaaf aangoo kenne? Akka


tokkoon tokkoon isaa maal jechuu ta'e gabaabsii ibsi.

2. Amantoonni akkamitti aangoo sheexana irratti isaanii


kennametti fayyadamuu danda'u?

6. Wanni akka namni amanu tokko aangoo isaa kennametti hin


fayyadamne isa godhu maal?
7. Yoo lolli hafuuraa si qunname maal akka ta'ee fi akkamitti akka
injifatte karaa gabaabaan ibsi.
8. Aangoo Waaqayyo sii kenne jireenya guyyuma guyyaan jiraattu
keessatti akkamitti itti fayyadamaa jirta?

18

You might also like