Karoora Waajjira PB Aanaa Ammayyaa Bara 2016
Karoora Waajjira PB Aanaa Ammayyaa Bara 2016
Ammayyaa
Adool 2015
Seensa
Paartiin Badhaadhinaa adeemsa jijjiirama keessaa milka’ina argman sirritti
eeguudhaan paartiii fi mootummaa cimaa akkasumas ergama biyya cimtuu
ijaaruuf qabate bahachuu fi itti fufinsa jijiiramaa mirkaneesuudhaf socho’aa
jira. Waggootan dharban rakkoowwan hedduun kan nu mudate yoo ta’ellee
rakkoowwan kana gara carraatti jijjiiruudhaan hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an
hojjechuun danda’ameera. Paartiin keenya Badhaadhinnii hojii bara 2015
keessaa ilaalchaa fi gochaa miseensaa wal simatee, gurmaa’inaalee fi
hojimaata paartii keenyaa naamuusa cimaan hojii irra oolchuu,
dimokiraasumaa keessoo paartii cimsuu kallattii xiyyeffannoo taasisee
karoorsuun hojiitti jijjiira tureera. Ciminoota turaan caalmaatti itti fufsiisuu fi
hanqinaalee araarama tokko malee sirreessuudhaaf, humna paartii keenyaa
hunda dugaguun fayyadamuu, qajeelfamootaa fi hojmaata keenyaa
sakatta’uun sirreesuu fi paartii cimaa ijaaruun galmoota keenya gurguddoo
dha. Kana bu’uura godhachuudhaan ji’oota kudha lamaan darban keessaa
hoiiwwan hedduun kan raawwataman ta’uu isaanii karaa adda addaa
supparvizinii dabalatee mirkaneeffachuun danda’ameera. Kun akkuma
eegametti ta’ee bu’awwan argaman guutuu taasisudhaaf kan gargaaran
hanqinaleen sirrachuu qabanis adda bahaniiru.
Dandeettii hoggansaa fi miseensaa cimsuun ilaalcha wal fakkaatu irra akka
gahan gochuu, gurmaa’insa cimaa ijaaruun aadaa hojiimaatan hojjechuu
guddisuu, bu’aa qabeesummaa hojii irratti jiru gabbisuu, hojii miidiyaa fi sab
qunnamtii bu’a qabeessa raawwachuun olaantummaa seenessuu
mirkaneessu fi humna faayinaansii paartichaa dabaluu fi guddisuun
hoiiwwwan xiyyeeffannaa addaan yeroo itti aanuutti hojjetaman ni dha.
Kanaafuu hojii bara 2016 keessatti bu’aawwan hojii keenyaa kanaan
duraatiin argaman itti fufsiisuu fi hanqinaalee maqsuuf gargaaran, karooraa
hojii keenya wagga 10 irraa kan maddan, paartii fi mootummaa cimaa
ijaaruuf kan gargaaran karoora hojii bara 2016 keessatti qopheessuun
barbaachisaadha.
Dabalataanis karooraa hojii bara baajetaa 2016 qopheessuuf kallattiiwwan
xiyyeeffannoo qopheessuun isaan hojjechuun milka’ina keenyaaf ni
gargaara. Hojiiwwan boqonnaa qophii bara baajeta 2016 fi hojiiwwan
gurguddoo ganna bara 2015 keessaa hojjetamuu qabanis adda baasuun
danda’ameera. Dhimmoota gurguddoo armaan olitti ka’an karaa ijaaramee fi
sosochii Uuummataan raawwachuuf karoorri hojiin kun ittiin hogganamuu
qophaheera.
Karoorichi kutaalee jahaa kan of keessatti hammatee yoota’uu kutaa 1ffaa
Haala ka’umsa walii galaa. Kutaa 2 ffaa Kaayyoo fi galmoota, 3ffaa
hojiiwwan gurguddoo bara 2016, 4 ffaa Kallattii raawwii hojii bara
2016, kuaa 5ffaa Sirnaa deeggarsaa fi hordooffii, kutaa 6ffaa
Rakkoowwan mudachuu danda’anii fi yaada furmaataa of keessatti
hammatee jira. Xumura irrattis sagantaa hojii gurguddoo kaahameera.
KUTAA TOKKOOFFAA
I. Barbaachisummaa karoorichaa, Haalawwan Walii Galaa,
kaayoo fi galmoota
I.1. Haala yeroo Naannoo fi biyyaa keenyaa
Haala Aanaaa keenyaa kallattii adda addaan ibsuun kan danda’amuu yoo
ta’eyyuu gabaabinaan akkaata armaan gadiitti qaaceesuuuf yaalamee jira.
Gama tokkoon aarii fi fedhiin jijjiiramaa hadhaawaa Uummanni qabu, gama
biraan humni jijjiirama kana fuulduratti akka tarkaanfatuu yaaduu ADWUI
keessaa bahaa dhuufuu isaan jijjiramnii sabdaneessa hammatuu akka
dhalatuu/uumammuu gaheen ummatni naannoo keenyaa bahachaa turee
kan bakka bu’insa hin qabne dha. Jijjiirama kanaanis riifoormii gama
hundaan gaggeessuudhaan biyyaa keenyaa duubatti deebi’uu fi bittinna’uu
irraa baraaruun danda’ameera.
Qoramaata gaaffii dimookiraasii, haqaa fi walqixxummaa uummataan
mudate irraa ka’uun kan dhalatee Paartiin Badhaadhinaa qormaata
biyyaalessaa fi idil-addunyaa hedduu keessa darbee jira. Milkaa'ina
diinagdee fi hawaasummaa galmeessisaa jira. Biyyi fi naannoon keenya
qabeenya uumamaa fi humna namaa hedduun kan badhaate yoo ta’u gama
biraatiin ammoo guddina hawaasummaa fi dinagdee deebii hatattamaa
barbaadu, gaaffii dimookiraasii, nagaa fi tasgabbii, bulchiinsa gaarii fi
rakkoolee biroo hamattu mul’achaa jira. Carraa misoomaa guutummaatti
duguugee haqaan itti fayyadamuudhaan ummanni keenya tokkummaa isaa
eegee paartiin keenya biyya badhaate dhaloota itti aanutti dabarsuuf
tattaaffii cimaa taasisaa jira.
Rakkoolee fi qormaanni roga hedduun naannoo keenya keessa jiru hundi
halkan tokkotti deebii argachuu hin danda'u. Qormaata kana deebisuuf
karoora yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraa barbaadaa. Kana
bu’uura godhachuun ijaarsi dandeettii hoggansaa fi miseensa paartii
keenyaa argannoo qorannoo haalaa siyaasaa yeroo keessoo fi alaa irratti
hundaa’uun hojjetamaa jira. Paartii keenya keessatti rakkoo ilaalchaa,
hubannoo, naamuusaa fi kkf hiikuuf hojiin hedduun hojjetamaa jira.
Waltajjiiwwan uummataa adda addaa uumuun hubannoo dogoggoraa jiru
qulqulleessuun mariin taasifamaa jira. Dhimmoota faayidaa waliinii
mirkaneessan irratti namoota sochoosuun Ashaaraa magariisaa, Maaddii
madalawaa, hojii nageenya, qaala’insa jireenyaa, dargaggootaaf carraa hojii
uumuu fi hojiiwwan adda addaa irratti uummata karaa gurma’een kakaasuun
hojii milkaa’aa hojjetamaa jira.
Konfiraansii idilee 1ffaa irratti paartiin keenyaan diinagdee ilaalchisee kallattii
bu’uuraa lama kaa’eera. Yaa’ii jalqabaa irraa kaasee hanga 2 ffaa itti aanutti
(yeroo waggaa sadii ol keessatti) qamadii biyya alaa irraa galfamu oomisha
biyyaan uwwifamee gara biyyoota alaatti ergamaa jedhaa qabatee ture.
Qamadiin bara baajataa kanatti yeroo beellamame dura bona (jallisii)
bal’inaan oomishamee gara alaattis erguun danda’ameera. Lammaffaa,
Itiyoophiyaan waggoota kudhaniin booda biyyoota Afrikaa keessatti
diinagdee guddaa kan qaban shanan keessaa tokko ta’uuf kallattiin
kahameera. Haa ta’u malee yeroo baay’ee gabaabaa keessatti, bara 2015tti
abjuun kun milkaa’ee biyyi keenya gama GDPn Afrikaa keessatti Aljeeriyaa
hordofuun biyya 5ffaa taateetti.
Hojii Hariiroo alaa keenyaa yoo ilaallu, keessattuu hojiin gama dippilomaasii
ashaaraa magariisaatiin hojjetame milkaa’ina guddaa galmeessisuun isaa ni
yaadatama.
Hojiin ashaaraa magariisaa keenya biyyaa ol gara biyyoota ollaatti
babal’ateera. Hojiin damee kanaan hojjatame ga'ee hoggansa
fakkeenyummaa pirezidaantiin paartii keenyaa kennan akka addunyaatti
beekamtii akka argatu isa dandeessiseera.
Waraanni kutaa kaabaa biyya keenyaa keessatti waggaa 2f ture, qajeeltoo
‘rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaatiin’ jedhuun Afrikaa Kibbaa (Pretoria)
keessatti nagaan xumurame. Hawaasa addunyaa biratti dinqisiifannaa
guddaa qaba.
Mariin nagaa marsaa jalqabaa ABO Shanee waliin taasifamu, ejjennoo
qajeeltoo qabnu irratti hundaa’ee fi mootummaan keenya rakkoo jiru karaa
nagaa furuuf balbala banuun isaa uuummata keenyaaf abdii guddaa
uumeera. Kana malees, ABO Shane irratti hojii siyaasaa fi nageenyaa walitti
hidhameen tarkaanfii cimaan fudhatamaa jiraachuu fi gandoota hedduu irraa
bilisa baasuu danda’uun isaas akka milkaa’ina guddaatti ilaalama. Haa ta'u
malee miidhaa ABO Sheneen lammiilee keenya irratti bifa hammataan
geessisaa jirtu ittisuu fi nageenya mirkaneessuuf hojii bu'a qabeessa ta'e
hojjechuu yoo dadhabne amantaa ummanni keenya paartii keenyaa fi
mootummaa keenya irratti qabu ni mancaasa.
Gama biraatiin pirojektoota haaraa fi turan kan Hidha Haaromsa Guddicha
Itiyoophiyaa fi kanneen biroof saffisaan xumuramee hojiitti akka galuuf
tattaaffiin taasifamaa jiru kan dinqisiifamuudha. Hidha Haaromsa Guddicha
Itiyoophiyaa marsaa 3ffaa guutuun milkiidhaan xumuruu keenyan tarbaayinii 2
humna elektirikii maddisiisuu fi guutinsa marsaa 4 ffaa rawwachuuf qophaa’aa
jiraachuun keenya milkaa’ina guddaa ta’ee fudhatama.
Haa ta’u malee, ammas qormaanni xiyyeeffannoo addaa barbaadu hedduun
nu dura jiru. Qaala'iinsa gatii boba'aa fi meeshaalee bu'uuraa qaala'iinsa
jireenyaa uumuu isaa irraan kan ka’ee ummanni keenya sadarkaa olaanaatti
akka nu komatu taasiseera. Dargaggootaaf carraan hojii sadarkaa
barbaadamuun hin uumamnee. Qabsoo Nagaa fi tasgabbii, kenniinsa
tajaajilaa, malaammaltummaa fi hannaa itti fufsiisuudhaan xiyyeeffannoo
addaa itti kenninee kan hin hojjennee yoo ta’ee paartii fi mootummaa
keenyaaf balaa guddaa dha.
Qormaanni keessoo inni biraan ammoo, namoonni dhuunfaa fi gareen gara
jabeeyyii ta’an ammallee jijjiirama biyyaalessaa gufachiisuuf tattaaffii adda
addaa taasisaa jiraachuu isaaniiti. Bara baajataa darbe keessa
finxaalessuummaa cimaan nu mudateera. Garmalee guddinna mootummaa
fi uummata keenyaa daandii irraa maqsuuf dhagaa hin garagalchine hin
qabani. Hoggantoonni olaanoo paartii keenyaa ejjennoo cimaa fi jabaa
qaban, iddoo hojii mootummaa irratti bobba’anii jiranitti gara
jabummaadhaan reebamanii ajjeefamaa turaniiru. Qormaatni kun adeemsa
raawwii bara baajataa 2016 keessatti qormaata ta’ee akka itti fufuu
danda’uu dursinee hubachuun kutannoo fi qophii barbaachisaa gochuun
tokkummaa ilaalchaa fi gochaan hojiitti galuu qabna. Kanaaf ilaachaa
finxaaleyyii mul’atan ma’atamanii tokkummaan biyyoolessaa mikanaa’uu
karaa danda’uun obbolummaa dagaagsaa kan hin deemne yoo ta’ee
jijjiirama karaa guutuu ta’een hojii irra oolchuun badhaadhina hunda
galeessa mirkaneessuuf yeroo kan fudhatu ta’a
Kanaafuu, rakkoolee jijjirama mudatan dhabamsiisuu fi injifannoowwan
argaman babal’isuun badhaadhina hunda galeessa fi itti fufiinsa qabuu
uummataa fi biyyaa keenyaaf mirkaneessuuf tarsiimoo kana gochuu
danda’uu hojiirra oolchuu karoora kanaaf akka ka’umsaatti fudhatama.
I.2. Hojii Ijarsaa bara 2015 akka ka’umsaatti
Bara hojii 2015ti hoggansii fi miseensii paartii keenyaa yaadama paartii
keenyaa irratti ilaalcha qulqulluu akka qabaatu, akka paartiiti gurmaa’insa
cimaa gahee isaa bahachuu danda’uu ijaaruu, uummata keenya fi sabaa fi
sablammii biratti obbolummaa, jaallummaa fi tokkummaan jaalala irratti
hunda’ee akka cimataa deemuu, paartiile morkaattootaa fi dhaabbilee sivikii
waliin ijaarsa biyyaa irratti waliin hojjechuun akka cimachaa deemuu fi hojii
sab-quunnamtiin olaantummaa qabachuuf hojechuuf karoorfamee
socho’amaa turee jira
Akka ijaarsaatti hojii hojjetamaa tureen gurmaa’insa paartii sadarkaa
sadarkaan jiruu cimsuuf karooraan akka hogganaman, hojmaata paartii akka
hojii irra oolchan, adda dureen akka hogganaman gochuuf yaaliin taasifamaa
turee guddaa dha. Gurmaa’insi paartiis yerootii gara yerootti foyya’aa fi
gahee isa irra eegamuu bahachuu irratti foyya’iinsi mul’achaa jiruu kan
jajjabaachuu qabuudha.
Hoggansaa fi miseensaa hundaa gurma’insaa paartii keessatti akka
hammatan gochuu fi ergama isaanii karaa gurma’insa isaanii akka bahatan,
hojimatatti galanii hojmaataan akka hogganaman, adda duree of keessaa
akka baasani fi kanneen rakkoo qaban calaluun tarkaanfii sirreeffamaa
fudhachuu irratti foyya’insi ni jira.
Gama biraatiin hoggansii fi miseensi paartii keenyaa qoramaata adda addaa
keessa taa’uudhaan hojii paartii fi mootummaa qindeessee hojjechuudhaan
bu’aa qabatamaa galmeessisuu jalqabee jira. Hoggansaa fi miseensa keenya
hedduu biratti ilaalchii fi gochii wal fakkaatuu uumaamuu jalqabeera.
Kan armaan olitti tarreeffaman akkuma jirutti ta’ee hanqinaaleen hojii
keenya keessaatti sirrachuu qabanis ni jiru. Karoora hojii irraa ooluu fi
maadaalamuu danda’uu akka qaamattis ta’ee akka dhuunfaatti qopheessuun
isaan hogganamuu irratti hanqinni turee salphaa miti. Paartii keenya
keessattii yaadama paartii Badhadhinaa lafa qabsiisuuf hojiin hojjetamaa
turee fi jijjiiramnii jiru akkuma jiru ta’ee ammas taanaan rakkoon ilaalchaa
akka jiru qoratameera. Rakkoon kenna tajaajilaa fi hannaan wal qabatee
ammas hiikamuu dhabuu irraa kan ka’ee uummataa fi mootummaa addaan
baasaa waan jiruuf yeroo itti aanuutti xiyyeeffannaan hojjechuu barbaada.
Gurmaa’insaa paartii keenya cimsuun hojii hunda gurma’insaan hojjechuu fi
waltajjii qabsoo gochuu irratti hanqinni xiyyeeffannan irratti hojjetamuu qabu
ni jira. Hojmaata paartii hunda hojii irra oolchuu irratti foyya’insi kan jiruu
yoo ta’uu iddoo hundaatti haala wal fakkaatuun hojimaata paartii hojii irra
oolchuu irratti hanqinni ni jira.
Akkaataa baayi’inaa miseensaa fi paartii keenyaatti ilaachaa fi gocha diinaa
fuuldura dhaabbachuu qabsa’uu fi yaadama paartii keenyaa lafa qabsiisuun
hundeedhaan ilaachaa fi gochaa finxalessuummaa irratti qabsoon
taasifamaa jiru hanga eegamuu miti.
Kanaafuu, gurmaa’insaa paartii keenyaa cimsuun dhiibbaa geessisuu kan
danda’uu taasisuu, leenjii fi mariin gaggeeffamuu rakkoo hubannoo fi
ilaachaa hoggansaa fi miseensa keenyaa kan sirreessuu danda’uu fi
dendeettii isaanii kan cimsuu gochuuf yeroo yeroon barreeffama marii
qopheesuun irratti mariisiisuu fi leenjiisuun barbaachisaa dha. Paartii
keenyaa yeroo yeroon qajeelfama baasuu fi barreeffamoota qopheessuu
sirritti qabuun ittiin hojjechuufi isaan akka bulamuu gochuuf ciminaan
hojjetamuu qaba.
Kanaan alas, rakkoowwan kan akka qaala’insa jireenyaa sirreessuu fi hojjii
dhabdummaa xiqqeessuudhaaf yaaliin taasifamaa turee bu’aa barbaachisuu
galmeessisuu hin dandeenye. Hojii nageenyaan yeroo hedduu fudhatamee fi
humna baay’ee hirmaachisuun kan hojjetamaa tureef foyya’insii mul’achaa
kan jiru yoo ta’ees ammaas xiyyeeffanaa addaan irratti hojjechuun dirqama
ta’a. Rakkoowwaan hannaa fi kenna tajaajilaa waliin wal qabatee jirus kan
yeroo nuuf kennuu waan hin taaneef karoora addaa fi yeroo gabaabaa
qopheessuun rakkoowwan kanaa fi kan kana fakkaataniif furmaata keenuun
akka ka’umsa karoora bara kanaatti fudhatamee jira.
I.3. Paartii Cimaa Ijaaruu Akka Galmaatti Fudhachuudhaan
Ijaarsaa Dandeettii Gurma’insa Paartii Akka Ka’umsaatti
Paartii cimaa fi ergama isaa bahachuu danda’uu ijaaruun hojii ijoo akka ta’ee
ni beekama. Paartii cimaa ijaaruufi immoo qulqulliina ilaachaa qabachuu fi
yaadama paartiichaa sirriitti hubachuu irraa akka ka’uu hubatamuu qaba.
Qulqullinnii ilaalchaa waa hundaaf bu’uura ta’uun isaa akkuma eegametti
ta’ee bobbin humna namaa jechuunis bobbiin hoggansaa fi miseensaa,
gurmaa’insaa cimsuu fi hojimaata karaa guutuu ta’een hojii irra oolchuun
bu’aa galmeessuudhaaf murteessaadha. Ijaarsa paartii akka dhaabbataatti
mirkaneessudhaaf gurmaa’insa paartii cimsuu, dimokirasummaa keessoo
paartii fi tokkummaa mirkaneessuun dhimma bira darbamuu hin dandeenye
dha.
Dhimma kanaan wal qabatee ciminootni hedduun yoo jiraatanis hanqinni
jirus salphaa miti. Kanaafuu cimina jiru kan itti fufsiisuu, hanqina jiru kan
maqsuu ijaarsa dhaabbatummaa keenyaa kan mirkaneessuu ijaarsii
dandeettii paartii keenyaa kan yeroo waliin wal simuu gaggeeffamuu qaba.
Keessumattuu yaadama paartii keenyaa gaarii sana karaa sirrii fi bu’a
qabeessa ta’een hojii irra oolchuuf, gurmaa’insaa fi hojiimaataa cimsuun
barbaachisaadha.
I.4. Karoora waggaa kudhanii akka ka’umsaatti
Paartii keenyaa karooraa waggaa 10 qopheeffatee hojii qabatamatti jijjiiruu
jalqabee jira.
Mul’atnii paartii keenyaa hanga 2024ti akka Afirikaattii paartii siyaasaa
biyyaa keenyaa fakkeenyaa badhaadhinaa taasiisuu danda’uu paartii cimaa
ijaaruu akka ta’ee ni beekama. Ergamnii paartii keenyaas dimokiraasummaa
keessoo paartii keenyaa mirkaneessuu fi badhaadhina hunda galeessaa
uummata keenyaa mirkaneessuu kan danda’uu karoora siyaasaa, misoomaa,
hawwaasummaa, quunnamtii biyyaa alaa karaa gahumsaa qabuun
gaggeessuu fi raawwachuun paartii uummata keenyaa biratti fudhatama
qabuu ijaaruu dha. Mula’ataa isaaa fi ergama isaa kana raawwachuudhaaf
dhimmoota istiraatejawwaa ta’an 4 adda baafateera. Inni jalqabaa ijaarsaa
dhaabbatummaa paartiichaa cimsuu yoo ta’uu innis paartichaa yaadamaan
qulqulleeessaa deemuu, gurmaa’insaa fi hojiimaataan sadarkaa amansiisaa
irra kan gahee, ciminaa hoggansaa fi miseensa isaan bu’a qabeessaa kan
ta’ee, paartii tasgabbii qabuu fi amala raafamuu hin qabne, faayidaa biyyaa
fi uummataaf iddoo guddaa kan qabu, uummata biraatti hojii qabatamaa fi
bu’a qabeessuummaan paartii yeroo hunda yaadatamuu ijaaruudha.
Kanaafuu ijaarsa dhaabbatummaa paartichaa mirkaneessudhaaf qulqulliina
keessoo paartii mirkaneessuu fi ciminaa paartichaa dabalaa deemuu
barbaachisa. Akka walii galaatti hojii bara 2016 keessatti dhimmoota
istirateejawaa, xiyyeeffannoo barbaadan fi hojiiwwan hanga ji’a Fulbaanatti
hojjetaman keessatti dimokiraasummaa paartiichaa mirkaneessuun
uummata isa filatee biratti fudhatama qabu sadarkaa amansiisaa irra
geessisuun akka kallattiitti kaahamee jira.
Dhimmi lammafaan sab-quunnamtii uummataa fi dhimmamtootaa sadarkaa
amansiisaa irra gahuu isaa mirkaneessuu dha. Yaadama paartii keenyaa
keessatti akka bu’uuratti kan taa’an keessaa wal tumsii fi wal dorgommii
paartiilee siyaasa gidduu jiru madaala isaa kan eeggate, dhaabbilee ijaarsa
dimokiraasii ijaaruu fi itti quufinsa uummataa mirkaneessuu dha. Dhimmi
isitiraateejawaan sadaffaan mootummaa cimaa fi bilisummaan isaa
mirkanaa’ee ijaaruu yoommii ta’uu dhimmi arfaffaan aadaa dimokiraasii
cimaa irratti kan hunda’ee dudhaa obbolummaa, tokkuummaa,
sabdaneessuummaa mirkaneesuu fi dhaabuu akka ta’ee ibsameera. Karoorrii
waggaa kudhanii paartii keenyaa ka’umsa hojii keessoo paartii keenyaa
hunda yoo ta’uu haallii raawwii karoora keenyaa bara 2015 fi haallii caasaa
keenyaa akka ka’umsaa karoora 2016 yoo fudhatmuu bu’uuraan karoora
wagga kudhaanii irraa kan fudhatamee yoo ta’uu galmoota isitirategii
keenyaa milkeessuuf raawwii keessatti hanqinaalee jiran sirreessuun bu’a
qabeesuummaa istiraatijii keenya mirkaneessuuf karoorri wagga kudhanii
akka ka’umsaatti fudhatameera.
I.5. Kallattii ijaarsa dhaabbatummaa Paartii Akka ka’umsaatti
Kallattiin ijaarsa dhaabbatummaa paartii keenyaa paartii cimaa, mootummaa
cimaa fi biyya guddoo fi cimtuu uumuudha. Paartiin keenya paartii cimaa
ta’ee ijaaramuu kan danda'amu dursa yaadamni qulqullina qabu yoo jiraatan
qofa akka ta'e cimsee amana. Yaadamni waan hunda bulchu qulqullina yoo
qabaate, itti aanee kan dhufuu bobbii humna namaa (hoggansaa fi
miseensaa), gurmaa’insaa fi hojmaatni as irraa ka’uun carraan bu’aa walitti
fufiinsa qabu argamsiisuu qaban olaanaa ta’aa. Ijaarsi dhabbatummaa
paartichaa dhugoomuuf ciminaa fi qulqullina dhabbatummaa paarti
mirkaneessuun, dimokiraasii fi tokkummaa keessoo paartii, akkasumas
hariiroo qooda fudhattootaa bu’a qabeessa ta’e qabaachuun dhimmoota bira
darbamuu hin dandeenyedha.
Galmi dhumaa paartii cimaa ijaaruu mootummaa dimokiratawaa cimaa
hundeessuun biyya cimtuu fi dimokraatawaa taate ijaaruudha. Mootummaa
cimaa jechuun karaa bu’a qabeessa ta’een karoorsuu fi raawwachuu kan
danda’uu, tajaajila mootummaa bu’uuraan bu’a qabeessa ta’ee kennuu kan
danda’u, itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi olaantummaa seeraa
kabachiisuuf dandeettii kan qabuu jechuudha. Paartiin keenya biyya keenya
keessatti mootummaa cimaa ijaaruun paartiin Badhaadhinni qofti alfaa fi
omeegaa ta'uutti hin amanu. Kanaafuu, gahee qooda fudhattoota biroo
eeggachaa qaamotni waldorgoman ga’ee isaanii akka ba’an sirna
qopheessuu fi hojiirra oolchuutti kan amanudha.
Gama ijaarsa dhabbatummatiin utubaa sadaffaan dhimma mootummaa
biyyaalessaa ijaaruudha. Ergamni biyya cimtuu uumuu fi bu’uura amansiisaa
irratti kan hundaa’e dhaabbata cimaa ijaaruun kan danda’amuu dhaabbilee
ciccimoo fi fudhatama qabaniin kan deeggaramu mootummaa biyyoolessaa
fi mootummaa naannoo ijaaruun yoo danda’amedha. Ijaarsi mootummaa
biyyoolessaa dhaabbilee ciccimoo ijaaruun itti fufinsaa sirnaa fi wabii dantaa
fi mirga lammiilee mirkaneessuun adeemsaa dhugaa waloo mirkaneessuuti.
Gabaabumatti ijaarsi mootummaa tarkaanfii dhaabbilee ijaaruu fi akkaataa
seeraa fi qajeeltootiin wal irraa osoo hin cinnen fi sirnaan akka hojjetan
gochuudha. Tarkaanfiin kun seera baastonni, seeraa hiiktoonni fi qaamoleen
raawwachiiftuu aangoo fi dirqama heerri mootummaa isaaniif kenne of
danda’anii akka bahatan gochaa, gama biraatiin inni tokkoo isaa tokkoon
akka sirreeffamuu sirnaa deggarsaa fi hordoffii (check and balance)
mirkaneessuudha.
Mootummaan ijaaruun adeemsa hundeeffama fi ijaarsa dhaabbilee waliin
kan walqabatu yoo ta’u, mootummaan naannoo(sabaa) ijaaruun immoo
dhugaa gadi fagoo eenyummaa waloo irratti kan hundaa’e ta’uu irratti akka
ta’ee hayyoonni damee kanaa walii galu. Walumaa galatti motummaan
biyyaalessaa ijaarsa dhaabbilee irratti, mootummaan naannoo/sabaa ijaarsa
ilaalchaa irratti hunda’a. Kanaafuu, gama tokkoon dhaabni cimaan ijaarsa
mootuummaa biyyaalessaa dhaabbilee ciccimoo ijaaruu, gama biraatiin
immoo ijaarsa mootummaa naannoo/sabaa eenyummaa waloo saba cimsu
ijaaruun dirqama ta’a.
I.6. Haala hoggansaa fi miseensaa akka ka’umsaatti
Hoggansaa sadarkaa Aanaa
Hoggansii kun hoggansaa qabatamaan yaadama paartii keenyaa lafa
qabsiisuu fi hojiitti jijjiruudha. Hoggansi sadarka kanatti hojjachaa jiru irra
caalaan isaa humna haaraa gara paartii keenyaatti dhufee fi yoo karaa
qabsiisani fudhatee jijjirama galmeessuu danda’uu dha. Humna fi
barumsaanisi fuulduratti tarkaanfachuu kan danda’uu akka ta’ee hubatamuu
qaba. Yaadama paartii keenyaa hubatee hubachiisuun hojii qabatamaatti
jijjiruudhaaf fedhii fi kakka’umsi qabus kan nama jajjabeessuu dha.
Uummata hubachiisuu fi kakkasuudhaan karooraa fi yaadama haaraa
mootummaa hojii irra oolchuun uummata fayyadamaa taasisudhaaf sochiin
taasisuu kan jajjabaachuu qabudha. Omishaa qamadii bonaa fi ashaaraa
magarisuu hojii qabatamaatti jijjiiruun uummata keenya fayyadamaa
taasiisuu bira darbee akka addunyaatti hojii fakkeenya gaarii akka ta’ee akka
mul’atuu taasisuu keessaatti gaheen hoggansa kanaa olaanaa dha.
Hojiiwwan tajaajila lammuummaa waliin wal qabatee bu’aan gama
barnootaa, fayyaa fi kkf nin argamaa jiruu guddaa dha.
Rakkoo nageenyaa iddoo adda addaatti uumamaa jiru addaa fi addatti kan
dhaanamaa jiru humna sadarkaa kana jiru dha. Nageenyaa naannoo isaanii
eegsisuuf uummata gurmeessanii kanneen socho’an fi iddoo waranni
barbaachisuttis addaaf addaatti kan waraanuu fi waraansisaa akka jiran ni
beekama
Kun akkuma jirutti ta’ee hoggansa sadarkaa kana jiran keessaa kanneen
iddoo lama dhaabbatanii fi as fakkaatanii kan diinaaf hojjechaa jiran ni jiru.
Keessumattuu iddoo rakkoon nageenyaa bal’inaan jirutti sodaa irraa kan
ka’ee asii fi achi kan fakkaatanii socho’an ni jiru. Iddoo rakkoon nageenyaa
bal’inaan hin jirreettis ergama diinaa fudhatanii kan hojii irra oolchuuf
deeman akka jiran qorannoo yeroo adda addaa gaggeessaa turree irraa
hubachuun ni danda’ama. Hoggansi keenyaa muraasni immoo yaadama
paartii fi ilaalchaa gosummaa fi naannuummaa adda baafachuu dadhabuu
irraa kan ka’ee asii fi achii kan raafamuu ni jira. Kana irraa ka’e beekanis
ta’ee osoo hin beekiin kanneen ergama diinaa raawwachaa oolan akka jiran
hubachuu qabna.
Rakkoon hannaa fi kenna tajaajilaas uummataa fi mootummaa addaan kutaa
jiru irra caalaan isaa sadarkaa kanatti haala jiruun kan wal qabatuu dha.
Hoggansii keenyaa sadarkaa kanatti argamuu
dhimmootaa lafaa, galiiwwanii, konistirakshinii fi kkf waliin wal qabatee
rakkoon jiru salphaa miti. Waan ta’eefis dhimmoota akka hanqinaati
ilaalaman kana sirriitti yoo kan irratti hojjetamuu ta’e malee gaaffii sirnaa
quunnamsiisuu danda’a.
Haala Miseensa keenyaa
Yeroo ammaa kana uummatni keenya gara miseensa paartii Badhaadhinaatti
makamuuf fedhiin qabu dabalaa dhufee jira. Waan ta’eefis miseensi paartii
keenyaa akka Aanaatti yeroo ammaa qabnu 22,616 ol ta’ee jira. Paartii
siyaasaa miseensii baayyinaan hanga kana qabuu baay’ee xiqqaa akka ta’ee
ni beekama.
Miseensii paartii keenyaa irra caalaan isaa baay’inaan dabaluu qofaa osoo
hin taanee rakkoo keessa ta’ee osoo maqaa miseensummaa isaan
ajjeefamuu, qabeenyi isaa fi maatii isaa saamamuu fi gubaamuu, ofiif
maatiin isaa butamee gatiin itti gaafatamuu, kaayyoo isaa itti fufsiisaa kan
jiruu fi uummata kakaasuun paartii keenya cinaa kan akka dhaabbatan
godhuu hedduudha.
Gama biraatiin karoora fi hojimaata paartiin gaggeeffamuuf yaaliin taasisaa
turees kan yeroo kaanii irra foyyee qaba. Yeroo yeroon gurmaa’insaa isaan
mari’achuun, waltajjicha waltajii qabsoo taasisuuf yaaliin jiru akka jalqabbiitti
kan fudhatamuu danda’uu dha.
Kun akkuma jiruutti ta’ee karooraa safaramuu fi hojii qabatamaatti jijjiiramuu
danda’uu qopheeffachuu irratti harcaatii guddaatu jira, inni qopheeffateera
jedhames karoorichaan hojjechuu irraa maqaa qopheeffateera jedhuu qofaa
akka galmaatti ilaaluun erga gaafa karooricha qopheessee karoorichi eessa
akka jiruyyuu kan hin beekiin hedduudha.
Lakkoofi miseensaa keenyaa heedduu yoo ta’eesi ijaaramee gurmii isaan
ergama paartii isaa bahachuu irratti, nageenyaa naannoo isaa mirkaneessuu
fi adda durummaan hojii misoomaa fi yaadama haaraa irratti hirmaachuun
qabatamaan agarsiisuu irratti ammasi hojii guddaa hojjeechuu kan barbaadu
dha.
Waan ta’eef miseensaa keenyaa ilaalcha isaa caalmaatti qaruu, yaadama,
sagantaa fi qajeelfama paarti keenyaa irratti hubannoon isaa akka cimuu
taasisuu, hojii keessatti ergamaan dandeettii siyaasummaa fi
raawwachiistummaa isaa cimsaa deemuun ni barbaachisa.
I.7. Haala uummataa akka ka’umsaatti
Haala Uummata Baadiyyaa
Aanaa keenya keessa uummata jiraataan keessaa %87 ol ta’u uummata
baadiyyaa jiraatuu dha. Mootummaan paartii keenyan hogganamus
fayyadamummaa uummata kanaa mirkaneessuuf waggaoottan jijjiiramaa
darban kana keessatti immaammata, tarsiimoo fi karooraa misoomaa
qopheessuun hojiitti jiijjiruun uummata kana fayyadamaa taasisaa jira.
Ummanni baadiyyaa kunis karoora mootummaan baasuu hojii irra olchuuf
paartii keenyaa cinaa of qusannoo tokko malee dhaabbachuun gara hojiitti
jijjiiruun gartummaa paartii keenyaaf qabu agarsiisaa jira. Ummanni kun
uummata nageenya barbaadu, jiruu fi jireenyaa isaa foyyeffachuuf halkanii
guyyaa hojjatu, yeroo paartiin keenya isa barbaadutti of qusannoo tokko
malee gama hundaan paartii keenya cinaa dhaabbachuun deeggarsa
barbaachisu hunda uummata taasisaa jiru ta’uun isaan filannoon marsaa
6ffaa, deeggarsi birmadummaa biyyaa eegsisuu irratti taasisaa ture, hidha
haromsaa guddicha xumursiisuuf deeggarsi taasisaa jiru, naannoo isaa
qindaa’ee eeguu, wanta shakkisiisaa yoo argu eeruu keennuu fi hojii
misoomaa irrattii hirmaachuun bu’aa argasiisaa jiru ragaa guddaadha.
Kana malees ummanni kun rakkoo nageenyaa iddoowwaan adda addaatti
Aanaa keenya keessatti mul’atu kana furmaata waaraa argatee nagaan
bahee galuu akka danda’uu mootuummaan nageenya isaa akka kabachiisuuf
fedhii guddaa qaba, gaafataas jira. Ciminoonni armaan olitti ibsame akkuma
jirutti ta’ee namoonni muraasni ilaalcha faallaatiin hataman, diinaaf lojistikii
ta’anii tajaajilan darbee darbee nu mul’ata.
Gama biraatii ummatnii keenyaa carraan hojii ijoolleessaaf akka uumamuu,
hanni xiqqatee bulchiinsii gaariin akka mirkana’uuf irra deddeebiin kaasaa
jira. Waan kana ta’eef bara 2016 cimina jiru cimsanii itti fufsiisuun, hanqina
mula’atan mariiwwaan adda addaatiin sirreessuun daran kana caalaa
uuummata baadiyyaa of cinaa hiriirsuun hojii siyaasaa, misoomaa fi
hawaasummaa bara 2016 keessa karoorfaman raawwachuuf xiyyeeffannoo
hojjachuu barbaada.
Haala Uummata Magaalaa
Magaallii gidduugala qaroominaa, teekinolojii, odeeffannoo, daldalaa,
ummanni heeddu iddoo muraasarratti walitti hiiqee jiraatuudha. Kana malees
magaallii giiddu gala siyaasaa, waan ta’eef qaamooleen adda addaa iddoo
xiyyeeffannoo addaattiin irratti hojjataniidha. Ummanni kun akkuma
uummata baadiyyaa jijjrrama fiduu keessattis ta’ee jijjiirama kana ittichuu
keessaatti gaheen isaan taphachaa jiran olaanaadha. Ummanni magaalaa
irra caalaan isaa harka qalleeyyii waan ta’eef qala’iinsa gatii meeshaalee
irratti yeroo yeroo dabalaa jiruun uummata akka malee miidhamaa jiru waan
ta’eef mootummaan akka furmaata laatuuf uummata gaafatuudha.
Ummanni magaalaa carraan finxaaleeyyii fi diinaa saaxilamuu olaanaa waan
ta’eef al tokko amanta yeroo biraa immoo sabbummaa ajandaa taasifachuun
jeequmsa uumuuf yeroo socha’an ni mul’ata. Gama biraatiin diinnii sagalee
isaa dhokfachuun iddoon inni loojistikii argatu magaalarraayi. Walumaa gala
uummata magaalaa biraa akkuma deeggartoota baay’ee qabnu rakkoo
bulchiinsa gaarii, kenna tajaajilaa, hojii misoomaa nuti hojjannu irraa komii
kan qabus salphaa miti. Kana malees ilaacha finxaaleyyii fi diinaan
butamuunis ni calaqisa.
Abbootiin qabeenyaa gamanumaan deeggaraa paartii keenyaa ta’uu isaanii
argisiisaa jiru. Abbootiin qabeenyaa raakkoowwaan yeroo adda addaa biyyaa
keenya qunnaamaan akka damdamannuuf yeroo mootummaa fi paartiin
keenyan gaafataman of qabiisa tokko malee qabeenyaa, beekumsaa fi
humnaan deeggarsa barbaachisu hunda taasisaa jiru.
Haata’u malee warren faallaa jijjiiramaa dhaabbatanii fi karaa qaxaamuraan
badhaadhuu barbaadaan muraasni qala’insa jireenyaan wal qabatee
meeshaalee dhoksuun, gatii dabaluu fi kkf keessatti qooda fudhachuun
ummanni akka mootummaa irratti abdii kutatuuf kan hojjatan salphaa miti.
Akka waan faayidaan isaanii jalaa tuqameetti fakkeessuun kan dogoggorsiisu
hin dhabamu waan ta’eef faallaa jijjiirramaa dhaabbachuun deeggarsa
faayinaansii finxaaleyyiif taasisan jiraachuu akka danda’an tilmaamuun
barbaachisaadha. Waan kana ta’eef hojiin siyaasaa, ijaarsaa fi olaantummaa
seeraa mirkaneessuu haala jiru yaada keessa galchuun kan raawwatamu
ta’a
Haala Dargaggoota
Dargaggeessi kutaalee hawaasaa biroo caalaa jijjiramni kun akka dhufuuf
qaama lubbuu isaa wareegeedha. Jijjirama boodas dangaa hanga daangaatti
socha’uun paartii keenyaaf deeggarsa qabu agarsiisee jira. Akka godina
keenyaattis leenjii fi marii yeroo adda addaa qaama kana waliin taasifamaa
tureen jijjiirama ceesisuu keessatti gahee olaanaa bahaa jiru. Hojii
birmadummaa biyyaa keenyaa mirakaneessuu keessattis hirmaachuun,
nageenya naannoo isaanii eeguu fi hojii misoomaa keessatti gahee isaan irra
eeggamu bahachaa jiru.
Haa ta’u garu hanqina gaggeessuumma keenyaan wal qabatee yeroo tokko
cimsanii qabuu, yeroo biraa dagachuu fi carraan hojii nuti uumaa jirru
dargaggootaa kana gammachiisuu ta’uu dhabuu isaatiin dargaggeessi abdii
kutachuun hunma diinaatti makame lakkofsi isaa salphaa miti. Kana malees
dargaggootni lakkoofsaan salphaa hin taanee dafqee of jijjiruurra wanta
hunda mootummaan akka furmaata laatuuf babraaduun ni mul’ata. Waan
ta’eef daraggoota biratti rakkoolee kan paartiin ni furaa abdii jedhu uumuun
barbaachisaadha. Abdii duwwaa dargaggoota keessatti uumuun immoo
dargaggoota badii irratti hirmaatan baay’isuu ta’a waan ta’eef gaaffii fi fedhii
isaanii bu’urarraa furmaata akka argatuuf leenjii, marii babal’aa taasisuu,
carraa hojii uumuu fi hojiin ilaacha jijjiiruu bal’inaan hojjatamuu qaba.
Haala Dubartootaa
Dubartoonni akkuma kutaa hawaasaa kamiyyuu jijjiirama kana ceesisuu
keessatti gahee isaan irraa eeggamu bahachaa jiru. Rakkoowwan yeroo adda
addaa nu qunnamu injifachuuf kutaa hawaasaa kana sochoosuun qabeenya
walitti qabuu, raashina qopheessu, ijoollee eebbisanii RIB keessatti akka
hirmaatan gochuun deeggarsa mootummaaf qaban agarsiisaa jiru.
Walumaagala ummanni keenyaa yoo nuti itti hiiqnee kan hogganu ta’e
ergamaa fi kallattiiwwan adda addaa kennamu nuffi tokko malee
raawwachuu fi deeggarsii paartii fi mootuummaaf qabu fi akkasumas abdii
paartii keenya irraa qabu abdachiisaa waan ta’eef hojii siyaasaa fi ijaarsaa
kana gituu hojjachuu nu gaafata.
Haa ta’uu malee, ijoolleen isaanii humna diinaatti kan makamanii fi caasaa
diinaa ta’uun kan hojjettan osoo beekanii ijaranii deebisuu dhabuu, iojjoollee
isaaniif akka waa dhoksaniitti ilaaluun ni mul’ata waan ta’eef haadhooliin
ijoollee isaanii irratti akka hojjetani itti siiqinsaa sochoosuu akka qabnuu
humatamuu qaba.
Haala Hayyoota
Adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti seenessa siyaasaa waloo bocuu
keessatti hayyoonni gahee guddaa qabaachuun isaanii falmisiisaa miti.
Guddinni biyyoota akka Faransaayii fi Ameerikaa amma argaa jiru keessatti
gaheen hayyoota isaani guddaadha. Adeemsa seenaa siyaasaa Itoophiyaa
keessatti gaheen hayyoota hirmaannaa siyaasaa fi ijaarsa biyyaa keessatti
jaarraa hedduudhaaf daangeffamee ture. Haalli kun guddinaa fi badhaadhina
biyya keenyaa irratti miidhaa guddaa geessiseera. Hayyoota sammuu qaroo
qaban akka biyyaa bahanii godaanan dirqisiiseera.
Seenaan siyaasaa badaan kun Paartiin Badhaadhinaa jijjiirama irratti
hundaa’ee kan dhalate Paartiin Badhaadhinaa sagantaa siyaasaa fi dambii
ittiin bulmaata isaatiin deebii gahaa akka argatu taasiseera. Hojiirra oolmaa
qabatamaa keessatti hayyotnii akka miseensa dpaartichaatti hammatamuu
qabu. Tattaaffiin paartii fi mootummaan keenyaa hayyoota iddoowwan itti
gaafatamummaa adda addaatti ramaduu fi dhimmoota biyyoolessaa biroof
gumaacha akka taasisaan gochaa jiruu akka jalqabbii gaariitti ilaalama.
Waggaa itti aanutti jalqabbii kana itti fufuun barbaachisaadha. Dhaabbilee
barnootaa, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa irraa kaasee hanga
yunivarsiitiitti sochii siyaasaa fi ijaarsaa keenya bal’isuun, qaawwa mul’atu
guutuu fi hayyoota sirnaan ilaaluun barbaachisaadha. Sadarkaa dhaabbilee
barnootaattillee dhimmoota biyyoolessaa barbaachisoo ta’ani fi bisoomaa
biyyaalessaa keessatti karaa dheeraa deemuu qabu.
Haala Abbootii qabeenyaa
Abbootiin qabeenya dhuunfaa qaama hawaasaa jalqabarraa kaasee
deeggaraa paartii keenyaa ta'uu isaani agarsiisaa turanidha. Keessattuu
qajeeltoo paartiin keenyaa hunda hammatu baasuu fi qabatamaan
mirkaneessuu isaa irraa ka’uun abbootiin qabeenya miira gaarii fi abdii
qabuu uumameera. Rakkoolee amma biyya keenya keessa jiru hiikuuf
qabsoo taasifamaa jiru keessatti abbootiin qabeenyaa gahee isaa bahaa jira.
Lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif, qaama nageenyaa fi RIB keenyaaf
kanneen sarara fuulduraa irratti argamani fi deeggarsa qabeenya guddaa
kennan abbootii qabeenyaati. Ammas kennaa jiru.
Haa ta'u malee, sagantaa fi danbiin ittiin bulmaata keenyaa abbootii
qabenyaa miseensa miseensa paartii ta'uuf fedhii kan qaban simachuu kan
dandeessisuu yoo ta’ellee hojiin iftoomina uum hojiin siyaasaa fi jaarmiyaa
gama iftoomina uumuu fi hariiroo abbootii qabeenyaa waliin qabnu cimsuu
irratti hojjenne akkaataan qajeelfama irratti ta’een bu’a qabeessa ta’ee hin
mula’tu. Kan biyya isaa jaalatan, abbaa qabeenyaa itti gaafatamummaa
hawaasummaa isaanii bahanii fi fayyadamummaa uummataaf hojjetan
baay’isuuf hojiin gahaan hojjetame hin jiru. Kanaafuu, xiyyeeffannaan bara
baajataa itti aanuu sirna hojii (operating systems) dandeettii kutaa hawaasaa
kanaa sirnaan itti fayyadamuu dandeenyu haala barbaadamuun hojjechuu
irratti xiyyeeffachuu qaba.
Haala Siivil Sarvaantii Aanaa keenyaa
Abjuun ijaarsa dhaabbatummaa paartii keenyaa siiviil sarvisii cimaa malee
galma gahuu hin danda'u. Rakkoon qabaatus siiviil sarvantiin naannoo
keenyaa bu’aa diinagdee fi hawaasummaa naannoo keenya keessatti
galmahee keessatti gahee olaanaa taphateera. Miira kanaan siiviil sarvisiin
karoora mootummaa tokkoo milkeessuu keessatti gahee bakka hin buune
qaba. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun dhaabbilee siiviil sarvisii haala hunda
galeessa ta’een haaromsuuf tattaaffiin adda addaa taasifamaa tureera. Haa
ta’u malee, siiviil sarvantiin sababoota adda addaatiin gahee biyyaaf
gumaacha jedhamee eegamu baheera jechuun hin danda’amu. Siivil sarvisiin
rakkoo caasefamaa fi caaseffama ala ta’en kan qabame dha. Siivil sarvantii
seektara gaaffii uummataa akka naannootti mul’achaa jiruuf deebii quubsaa
ta’ee kennuu danda’u irraan ga’uuf hojii manaa baay’ee qabudha.
Sivil sarvantiin keenya ilaalchaan, dandeettii fi kennaa tajaajilaan sadarkaa
barbaadamu irra kan gahee miti. Kenna tajaajilaan itti quufnsaa uummataa
mirkaneessuu kan hin dandeenyedha.
Gama biraatiin ammoo siiviil sarvisiitiif haala hojii mijataa kan hin uumne
ta’uu isaati. Kana irraa ka’uun ummatni mootummaa irratti komii guddaa
kaasaa jira, keenni tajaajilaa harkaa fuchaa malee akka milka’uu hin
dandeenye ifatti mul’achaa dhufee jira.
Gama biraatiin haala mijataa iddoo hojii fi jireenyaa uumamuu dhabuun ni
jira. Hojjetaan siiviil sarvisii kun kutaalee hawaasaa qaala'iinsa jireenyaa
biyyattii keessatti mul'ateen miidhamaa ta'aa kan jiru keessaa isa tokkodha.
Kanaafuu hojimaata siivil sarvisii fi hojiiwwan riifoormii biroo eegalamanii
bara bajataa kana hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuu qaba.
I.8. Haala Waldaalee Siivilii
Waldaaleen Siivikii dhaabbilee miti mootummaa fi bu’aaf hin hojjennee, kan
biyya keessaas ta’e idil-addunyaa, kanneen faayidaa uummataaf
hojjetanidha. Afooshaalee, federeeshinii fi waldaalee daldalaa fi ogummaa,
dhaabbileen amantaa fi kkf dhaabbilee hawaasa siivilii jedhamuun beekamu.
Hojiiwwan misoomaa adda addaa keessatti, misooma namoomaa fi
hawaasummaa keessatti, ijaarsa dimokiraasii fi eegumsa mirga ogummaa fi
kkf irratti bobba’anis ni hammata. Namoonni hedduun isaan hordofan,
qabeenya hedduu fi humna namaa leenji'e qabu.
Ija waldaalee hawwaasaatiin jijjiirama booda wanti fooyya’aa ta’ee akka jiruu
ni beekama. paartiin keenya waldaalee sivikii humna misooma keenyaa akka
ta’e waan amanuuf, seerota haala kanaaf mijatuun fooyyessuunis guddina
hariiroo kanaaf barbaachisaa ta’uu hubatee hojii irra oolchee jira.
Akka paartii keenyaatti waldaalee siivikii fi dhaabbilee tola ooltummaa waliin
haala karoorfamee fi qindaa’een waliin hojjechuu jechuun hawaasa
baay’inaan baay’ee guddaa ta’ee fi baay’inaan ogummaa fi muuxannoo
guddaa qabu bira ga’uu jechuudha jedhee amana. Akkasumas waldaaleen
hojii gamtaa kaayyoo gurmaa’e galmaan ga’uuf deeggarsa gochuu;
Adeemsa kana keessatti hawaasni waliigalaa biyyattii; Sochii diinagdee fi
siyaasaa keessattis ta’e ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti gahee mul’atu
akka taphatan gochuudha. Keessattuu, marii biyyoolessaa hunda hammate,
kan seenaa biyya keenyaa keessatti isa jalqabaa ta’e taasisuu keessatti
gaheen isaanii bakka bu’insa kan hin qabnedha. Kanaaf karoorri keenya bara
baajataa 2016 bal’aa dha. Qaama beekumsaa fi dandeettii guddaa qabuu fi
qabeenya qabu, gumaacha bal’aa ijaarsa sirnaa fi badhaadhina dinagdee
keessatti qabuuf, Yuuniyeenota akkasumas waldaalee ummanni kaayyoo
adda addaatiif gurma’an, waldaalee siiviilii sadarkaa sadarkaan jiran tokkoon
tokkoon isaanii odeeffannoo sassaabbachuudhan haala qajeeltoo irratti
hundaa’uun waliin hojjechuun xiyyeeffannoo bara baajataa kanaati
I.9. Haala Paartilee Siyaasaa
Godina keenya keessa paartilee morkatootaa 3 ta’an qaama seerummaa
argatanii socha’aa kan turan yoo ta’u paartiin badhaadhinaa tapha siyaasaa
keessanii fi keenyaa jedhu dhiisee maqaan kanaan dura ittin beekamaa ture
paartilee mormitootaa irra gara paartilee morkattootaatti sirreessuun walitti
dhufeenyi akka cimuuf hojjataa turee jira. Hojii hojjatamee kanaan paartilee
morkattootaa nu waliin hojjachuuf fedhii qaban waliin walitti dhiheenyaan
hojjachuu fi dhageettii akka argatiiniif hojii bal’aa hojjatee jira. Kana bira
darbees humnaa fi ogumma qabanin caasa mootumma keessatti akka
hammatamaan gochuun waliin hojjachaa jira.
Haa ta’uu garuu paartiileeen morkatootaa hedduu gamaa gamana
dhaabbachuun warra dhagaa walitti darbatanii fi siyaasni biyya keenyaa
yaadama finxaalessuumman kan guutame waan ta’eef siyaasa tasgabbaa’aa
obbolummaa irratti hundaa’e gaggeessuuf danqaa ta’anii jiru.
Paartiin keenya Badhaadhinni siyaasni gudduu akka gabbatuu fi miirri
obbolumma Itoophiyummaa olaantummaa akka argatuuf hojjataa turee jira.
Karaa abdii namaa kennuun paartileen haala kana hubachuun ilaalchi
finxaalessumma akka nama hin baasne hubaatan gara maree waltajjii
siyaasaatti deebi’anii jiru. Taateen kun immoo siyaasa biyya keenyaatiif abdii
guddaa uumee jira.
Paartileen tokko tokko keessattu kan maqaan Oromootiin naannoo keenya
keessatti qabsaa’aan galmi isaanii mormuu malee yaada sababaawaa
tarkaffachiisuu akka hin taane ifatti mul’isanii jiru. Ammas paartileen kun
amala baratan keessaa bahuu dadhabuun mootummaan ceehumsaa ijaarmu
qaba jedhanii ibsa kennuun baratamaa dhufee jira. Paartileen tokko tokkoos
adeemsa seera qabeesaa fi seeran alumma walkeessa makuun kan
sochoo’an yoo ta’u karaa nagan osoo hin tanne jeequmsa uumuun
mootummaa jijjiiru kan barbadanis jiru. Rakkoon kun naanno keenya akka
hin tasgabboofne gochuun ummanni rakkoo nageenyaatiin mootummaa irraa
akka abadii kutatu gochuun fedhii isaanii galmaan gahuuf yeroo socha’an ni
mul’ata. Waan kana ta’eef hojii siyaasaa hojjannu keessatti paartilee kana
walin walitti dhiheenyaan hojjachuun yoo kan didan ta’e hojii isaanii
uummatatti saaxiluun fudhatama dhabsiisuun hojii keenya ijoo ta’uu qaba.
I.10. Haala Nageenya fi Diinaa
Dhimmoota tasgabbii dhabuu nageenyaa godina keenyaaf ka’umsa ta’an
keessa tokko aadaa siyaasa waltuffachuu, wal dhagahuu dhabuu fi hinaaffaa
paartilee siyaasa Oromoo keessatti mul’atuudha. Aadaa Wal tuffachuufi wal
cabsuun, inaaffaan, cilee wal dibaa ooluu, walirratti holola gaggeessuufi
icciitii ofii dabarsanii kennuun kaleessas kan tureefi har’as jijjiiramaan
boodas kan itti fufee jiruu dha. Kun immoo naannoo keenyaa akka tasgabbii
hin arganneef qaamota faallaa keenya hojjataniif balbala saaqee jira. Carraa
kanatti fayyadamuun qaamni tasgabbii naannoo keenyaa hin barbaanne
qama kana hidhachiisuu fi loojistikiin deeggaruun caasaa fi uummata keenya
gidiraa hin malleef akka saaxilamu taasisee jira.
Keessattu humni diinota biyyaa keenyaan deeggaramu ABO shanee
godinaalee adda addaa keessatti hidhannoon socho’uun caasaa paartii fi
mootummaa diiguu, laamshessuu fi ajjeesuu, dhaabbile bu’ura misooma kan
akka waajjira gandaa, manneen barnootaa, buufatalee fayyaa fi FTC kkf
guubuu, meeshaa waraanaa qaama adda addaa irraa saamuu, nama butuun
dararuu, ajjeechaa suukaneessaa caasaa mootummaa, uummataa fi sabaafi
sablammoota irratti raawwachuu, sodaachisuu fi uummata keessatti shakkii
uumuun hojiin misooma sirnaan akka hin gaggeeffamne taasisaa jiru.
Kanamalees, godinaalee fi magaalota keessatti iskuwaadii (dhoksaan humna
nama ajjeessu) alaafi keessatti leenjisuun galchuu, seelii isaanii diriirsuun
humna ijaarrachuu, namoota gidduutti wal shakkii fi sodaa uumuu irratti
xiyyeeffachuun hojjatu.
Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii opireeshinii uummata hirmaachise
gaggeessuun tarkaaffiin diina irratti fudhatamaa turus, yeroo tarkaaffiin
fudhatamu itti hammaatu meeshaa waranaa awwalanii uummatatti
makamuun taa’uu fi yeroo haala mijataa argatan caasaa keenya keessattu
milisha sodaachisuun, reebuun maatii isaa butuu fi ajjeessuun hojii
shororkeessumma isaanii raawwataa jiru. Kana malees, finxaaleyyiin tokko
tokko ajeechaa fi gocha sukaneessaa iddo adda addaati uummata irratti
raawwachaa jiru.
Walumaa gala sochii diinni taasisaa jiruun paartii fi mootummaa
dadhabsiisuun fudhatama dhabsiisuuf yaalii fi tattaaffii taasifamu
fashaleessuuf hojii oppireeshinii qama nageenyaan gaggeeffamu akkuma
jirutti ta’ee hojii siyaasaa taaxiqoo piropogandaa eegalame cimsanii itti
fufsiisuu, caasaa diigame deebisanii ijaaruu, gurmaa’insa mootummaa fi
paartii cimsuu fi hojii keessa eegalame cimsuu fi sirna odeeffannoo
waaltawaa diriirsuun humna diinaa dawoo dhabsiisuun nageenya uuummata
keenyaa amansiisaa gochuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf
xiyyeeffannaa addaan hojjatamuu qaba.
Kutaa Lammaffaa
II. Kaayyoo fi galmoota Karoorichaa
II.1. Kaayyoo Gooroo bara 2016
Kaayoon hojii paartii bara hojii 2016 paartiin Badhaadhinaa humna
namaanis ta’ee qabeenyaan kan cimate, qabinsa raga hammayya’aa fi
hojiimaata hojii irra oolchuun kan jabaate, kan gurmaa’ee, kan wal
simatuu fi dandeettiin dhiibbaa geessisuu isaa baay’ee ol kan ka’ee
akkasumas akka biyyaatti seenessa fi fudhatamummaan isaa
olaantummaan isaa kan mirkana’ee paartii cimaa uumuu dha.
II.2. Kaayyoo Gooree Bara 2016
1. Paartii cimaa olaantummaa yaadamaa mirkaneessee fi
ergama isaa sirrriitti bahachuu danda’uu ijaaruu
2. Ilaalchaa finxaaleeyyi dhugaa qeentee dadhabsiisuun
dhugaa waloon bakka buusuun fudhatama paartii keenyaa
sadarkaa hundaatti kan mirkana’ee Sirna dimokiraasii
paartilee heeddummeessa cimaa fi sirna siyaasaa
tasgabbaa’aa ijaaruuf haala mijataa uumuu
3. Gurmaa’insa cimaa miseensa qulqulluu fi fakkeenyummaan
isaa mirkana’ee qabuu, hojimaatan ergama isaa hunda bahu
danda’uu ijaaruu
4. Dandeettii faayinaansii paartii guddisuu
KUTAA SADAFFAA
III.Hojiiwwan Paartii Bara 2016 Galma Irratti Xiyyeeffate
Hojiiwaan bara kana galmaan gahuuf karoorfannee kaayyoowwan keenyaa
karooraa Waggaa 10 keessaatti qabannee milkeessuu keessatti gahee kan
qabuu waan ta’eef bara kana karaa addaan xiyyeeffannee hojjechuu kan
qabnuu hojiiwwan siyaasaa fi ijaarsaa akkaa armaan gaditti kaahuudhaaf
yaalameera.
III.1. Hojii Boqonnaa Qophii Bara 2016
A. Qophii karooraa fi orrentashinii
Boqonnaa qophii bara hojii 2016 keessaatti karooraa qaamaa gurmaa’insa
paartii hundaa fi karoora dhuunfaa qopheessudhaan orrentashiiniin
rawwattootaa sadarkaa hundatti jiraniif kennuun karoora hojii bara 2016
irratti karaa guutuu ta’een walii galuun ni barbaachisaa. Hojii boqonnaa
qophii keessatti dhimmi ijoo fi xiyyeeffannaa addaa hoggansaa barbaadu
hojii karoora qopheessuuti. Hoggansii itti gaafatamuummaa isaa kana karaa
guutuu ta’een bahachuu kan danda’uu mul’ataa fi karooraa istirateejawaa
mana hojii isaa irratti hunda’uun tokko tokkoo karoora qophaahuuf kaayyoo
fi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan adda baasuun dhiyeessuun ta’a.
Kanaafuu karoora paartii waggaa 10, ciminaa fi hanqina hojii bara 2015
turan, akkasumas haalawwaan qorataman irratti hunda’uudhaan kaayyoo fi
dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan adda baasuun qophii karoora bara
2016 fayyadamuun murteessaa fi barbaachisaa dha.
B. Sadarkaa sadarkaan hojimaataa fi gurmaa’insa ijaaruu
Raawwii hojii boqonnaa raawwiif akka mijatutti gurma’iinsaa fi hoggansaa
irra deebiin ijaaruu, dhiyeessii raawwii hojiif barbaachisan hunda karaa
guutuun dhiyeessuun ni barbaachisa. Hojii boqonnaa qophii keessatti
sadarkaa hundatti akkaataa qajeelfamaan gurma’insaa hundaa ijaaruun
xumuruu, miseensii tokkoollee gurmaa’insaan ala akka hin taanee gochuun
barabaachisaa dha. Gurma’insii kun bu’a qabeessaa akka ta’uuf hojiin
gaggeessitoota gurmaa’insaa ciccimoo fi kaayyoo qabannee galmaan gahuu
danda’aan karaa dimokiratawaa fi iftoominaa qabuun hirmaannaa miseensaa
hundaan akka filataman gochuun dirqama ta’a.
C. Hojii hojmaata diriirsuu xumuruu
Boqoonnaa raawwiif haala mijaataa kan uumaan hojmaata diriirsuun
boqonnaa qophii keessaa xumuramuu qaba. Kanaafuu qajeelfamoota,
maanuwalotaa fi standerdii akka paartiitti qophaahan hunda qaama
raawwatuun gahuun qophii taasisuun barbaachisaadha.
hojjetaman
keenyaatti makuuf kan hojjetamuu yoo ta’uu kana keessaa %30 dargaggoota hayyoota ta’an
ta’uu qabuu.
Miseensa liigii dargaggoo fi dubartii kanaan dura turan irraa deebiin qulqulleessuu fi hundi
isaanii gurmaa’insa keessaatti akka hammatamanii fi daataa beeziitti akka Galan ni taasifama.
Buusii miseensuummaa isaaniis harcaatii malee akka kanfalan ni taasifama.
Liigii Dargaggootaa keessaa 400 akkasumas liigii dubartootaa keessaa 350 kanneen ta’an adda
duree keessaa adda baasuudhan hoggansa bakka bu’uu danda’an akka ta’an ni taasifama.
akka ta’an, gareen misoomaa cimee fuulduratti akka bahuu, dubartoonni 3,000 ol mata duree
sadii irratti marii gaggeeffamuu irratti akka hirmaatan deeggarsaa fi hordoffiin ni taasifama,
gurma’inaleen hojimaata isaanii akka eeggatanii fi konfiraansii fi walgahii isaanii akka
gaggeessaniif deeggarsii fi hordoffiin cimaan kan taasifamuu ta’a.
Gurma’insi dubartootaa fi dargaggootaa hojii nageenyaa sadarkaa maatii, hawaasaa fi biyyaatti
gaggeeffamu keessatti gahee isaanii akka bahatan, bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaa
keessatti akka gumaachan, fayyadamummaa diinagdee dubartootaa fi carraa hojii dargaggoota
uumuun karaa bu’a qabeessa akka hojjetan, dargaggoota fi dubartoonni yeroo leenisaa fi hojii
tola ooltummaa irratti akka hirmaatan (arjooma dhiigaa, Ashaaraa magariisaa, Maaddii
madalawaa, mana namoota harka qalleeyyii ijaaruu fi suphuu fi kkf) liigotnii gahee isaanii akka
bahatan ni taasifama.
Kana bu’uura godhachuun Pirojektoota maaddii madaalawaa dubartoota 3000 ol magaalaa fi
baadiyyaa keessatti hirmaachisuun misooma beeyladaa, misooma bishaan cimmisuu, dhaabbii
biqiltuu (biqiltuu 3000 dubartootaan dhaabuu, biqiltuu 117,610 dargaggootaan dhaabuu).
Dargaggoonni 7000 tajaajila tola ooltummaa irratti ni hirmaatu, dhiiga yuunitiin 1 dubartootaan
sassaabama, dubartoonni galii isaanii keessaa %20 qusatu, dargaggoonni 700 ta’an qaamota
Birrii 35,000 dubartootaan, Birrii 35,000 ammoo dargaggootaan Boondii Hidha Haaromsaaf
kan bitamu ta'a. Sochii fi hirmaannaa dubartootaa qindaa’een miseensonni fi dubartoonni
miseensa hin taane %100 dhaabbilee fayyaa keessatti da’uu fi inshuraansii fayyaa irraa
fayyadamoo akka ta’an ni hojjetama. Gurma’insa dubartootaa bu’uuraatiin hordoffiin deeggarsi
hojii daa’imman umuriin isaanii barnootaaf ga’e akka mana barumsaa seenan, sadarkaa barnoota
addaan kutan akka hir’isan, akkasumas baay’ina barattoota dubartootaa dorgomaa ta’an akka
dabalu ni taasifama.
Hojii maaddii madaalawaa fi nageenyaa irratti dubartoonni 12,500 ni hirmaatu, raayyaan
miidiyaa dubartoota irraaa ni ijaarama, raayyaa miidiyaa dargaggoota 600 raayyaan miidiyaa
Galma 1ffaa. Gurmaa'ina waajjira sdarkaan jiran hojiirra oolchuuf, gurmaa'ina caasaa fi
qunnamtii paartichaa uumuu.
Humna hojjetaa amma hojii irra jiru adda baasuu, faayilii isaanii gurmeessuun qabuu. Caasaa fi
gurmaa’insa qoratamee mirkanaa’e akka caasaa fi gurmaa’insi walsimatu hojiirra oolchuu.
Hojiin ramaddii humna namaa naamusa cimaadhaan hojjetama. Gurmaa’inaafi caasaa ilaalchisee
waajjiraalee sadarkaan jiran waliin ta’uun hojiirra oolmaa isaa qindominaan ni hordofama.
dabalatni mindaa fi faayidaa dandeettii kaffaluu waajjirichaa tilmaama keessa galchuunis ni
raawwatama.
Galma 2ffaa. Qabeenya paartii Dhaabbii fi Socha’u sirnaan bulchuu
1. Qabeenya Dhaabbii fi sochii sadarkaan jiru sirnaan bulchuu
Qabeenyaa dhaabbii fi sochii sadarka godinaa fi aanaa lakkaa’uun galmeessuu
Qabeenya paartii keenyaa iddoo hundaa jiru odeeffannoo guutuu qabaachuu fi sirnaan
bulchuu
Gurmaa’ina haaraa waajjiraalee paartii iddoo hundaan hojiirra oolchuu, Caasaa paartii wal
dubbisuu fi qunnamtii qabuu uumuu;
Waajjira paartii sadarkaa hunda keessatti odeeffannoo humna namaa qindaa’ee fi
odeeffannoo Ammayyaa qabaachuun sirni bulchiinsa odeeffannoo hammaya’aan akka
deeggaramu gochuu
Gitoota hojii duwwaa barbaachisoo ta’an irratti hojjettoota gahumsa qaban qacaruun
waajira paartichaa cimsuu
3. Bulchiisnsa Faayinaasii Ammayyeessu
Hojiin bulchiinsa faayinaansii si’ataa, iftomina fi ittigaafatamummaa akka qabatuuf karaa
Ammayyeessuun
Sirna qabiinsi qabeenyaa Ammayyaa’aa taasisuu
Galma 3ffaa. Dandeettii galii walitti qabuu fi bulchuu, qabeenya qusannoon fayyadamuu
akkaataa qajeelfamaa fi hojimaataan raawwachuu
1. Galii sirnaan Walitti qabuu fi bulchuu
Maddi humna faayinaansii Paartii keenyaa buusii miseensota isaa irraa sassaabamuu fi
deeggartoota isaatiin deeggarsa yeroo adda addaa taasifamu irraa kan argamu akka ta’e
ifaadha.
Hata’uu malee xiyyeffannan hoggansi hojii kanaf kenna jiru ammo baay’ee xiqqaadha.
Kanaafuu Bara kana harcaatii galii buusii miseensa irraa sassaabuu irratti mul’atu
sirreessuun miseensi hundii qajeelfamaa busii miseensuummaa kaffaluun dirqama
miseensummaa isaa akka bahu fi gurgurtaan laallee Paartii harcaatii malee hojimaata paartii
eeguun akka galu sadarkaa hundatti xiyyeeffannaan kennamee ni hojjetama.
Kanaan alas galii paartii keenyaa sababa adda addaan baroota darban osoo hin sassaabamiin
harca’anii hafan adda baasuun guutummaa guutuutti galii akka ta’uu ni taasifama.
2. Galii Bara 2016 %50 dabaluu
Hanqinaalee sassaabbii fi bulchiinsa baajataa bara 2015 irratti mul’atan maqsuuf hojiin
dandeetti raawwachiisummaa cimsu hojjachuu
Madda galii paartii keenyaa cimsuuf deeggartoota keeya irraa toftaawwan adda addaatti
fayyadamuun galii walitti qabuu
Hoggansaafi miseensotni hundi kuusaawwan odeeffannoo keessatti ragaan isaanii qabame
irraa galii sassaabuu.
Galii Bara kanaa fi galii haraca’ee hafe guutummaatti akka sassaaban gochuu. Bu’uruma
kanaan karoora bara 2015 qarshii 537,747.78 raawwatame irratti %50 galii paartii qarshii
869,554 walitti qabuu.
Bara 2016 sirna itti fayyadama baajataa baasii xiqqaa, gahumsaa fi bu’a qabeessa ta’e
diriirsuun baasii bara baajataa kana kan bara baajataa 2015 keessaa dhibbeentaa 20 akka
hin caalleen mirkaneessuu.
A. Miseensa Buusii Miseensa Bara 2016 irratti hirmaatu
Karoora Galii Faayionaansii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee A/Ammayyyaa
Kutaa Hawaasaa Buusii Miseensa Sadarkaan jiruu kan bara 2016
Dhi Dha Wal
Qonnaan bulaa/HOrsiisee Bulaa 12,901 6742 19,643
Manaajara gandaa 31 6 37
Miseensa IMX 302 164 466
Daldalaa 8 2 10
Ida’ama 15,047 7,569 22,616
B. Karoora Faayinaansii bara 2016
2 Miseensa Barataa 28 7 84
Kutaa Arfaffaa
E. Kallattii Raawwii Hojii, Haala Hordoffii Fi Deeggarsa Fi
Rakkoolee Mudachuu Danda’an Fi Kallattii Furmaataa
5.1. Kallattii Raawwii Hojii
Galmootaa fi hojiiwwan armaan olitti tarreeffaman sadarkaa hundatti karaa
bu’a qabeessa ta’een raawwachuudhaf kallattiiwwan armaan gadii kan
hordofnu ta’a
Hojii keenya haala marsaa hoggansa hordofeefi boqonnaa sadan walitti
hidhuun, akkasumas hojimaata paartichaa eegeen dandeettii
hoggansaafi miseensaa cimsuun hojiirra oolchuun barbaachisaadha.
Hojiiwwan deggersaa fi hordoffii sadanuu haala qindoomina qabuun itti
fayyadamuu fi bulchiinsa odeeffannoo ifa ta’een kan deeggaramuu
akkasumas karaa dimokirasii keessoo eegeen qabsoon hojii hogganuu
Karoorri bara baajataa 2016 galma bu’aa lakkawwamuu fi
madaalamuu danda’u kaa’uudhaan hanga seeliitti kan wal dubbise
ta’uu isaa mirkaneessuun barbaachisaa dha. Tokkoon tokkoon gochaa
galma kaawwannee kan mirkaneessuu ta’uu mirkaneessuu. Hojiin
yeroo kennamuu raawwattoota kan kakaasuu fi lakkawamee kan
fudhatamuu danda’uu ta’uu qaba
Hojiin ijaarsaa hundi karaa qindoomina qabuu fi humna hundaa
duguuganii fayyadamuun raawwatamuu qaba
Hojii hojjennuu hunda keessaatti hoggansaa fi miseensaa haalaan hin
raafamnee uumaa deemuu keenyaa mirkaneessuu
Hojiiwwan hojjenuu hundi qulqullina bu’uura kan godhatee ta’uu isaa
mirkaneessaa deemuu
Waltajjiiwwan uummataa karaa itti fufinsa qabuun dhimmoota ijoo
biyyoolessaa fi yaadama paartii irratti mariisisuun iftoomina uumuu,
uummata of cinaa hiriirsuu
Dandeettii hoggansaa fi miseensaa cimsuun, garee tikitankii ijaaruu fi
midiyaa hawwaasuummaa raayyaa cimaan raawwachuun
olaantummaa seenessaa mirkaneessuuu
• Qayyabannaan seelii karaa iddileen miseensa keenya hunda biratti karaa itti fufiinsa
qabuun akka mariyatamuuf ajandaa bocuu fi kallattiin paartiin yeroo yeroon gadi buusu
miseensa bira gahee akka irratti mariyatamu taasisuu
• Gabaasni qayyabannaa seeliin hundee paartiif, hundeen waajjira paartiif, waajjiri Paarti
sadarkaan jiru waliif karaa idileen akka erguu danda’an hordofuu fi deeggaruu
• Konfiransiin paartii kurmaana kurmaanan karaa idilaa’een akka gaggeeffamu taasisuu.
• Waltajjiiwwaan sagantaan gaggeeffaman (koree qindeessituu ,koree hoggansa waajjira
Paartii ,koree siyaasaa, Hoggansa waliigalaa, koree seelii fi hundee fi kkf) sagantaa isaanii
eeganii akka gaggeeffaman gochuu.
• Sirna ceephoo fi ceepha’amaa itti fufiinsan gaggeessuun hoggansaa fi miseensa keenya
rakkoo qabu adda baasuun ijaaruu kanneen sadarkaa ijaarsatti hin sirranne tarkaanfii
siyaasaa fudhachuuf ni hojjatama.
• Hojii jarmiyaalee dubartootaa fi dargaggootaan hojjetamu hundaaf xiyyeeffannoo
guddaa kennuun hojjechuu.
Ergama hojii damechaa irratti hundaahuudhaan hojiiwwan ijaarsa dandeettii itti fufiinsaan
gaggeessuudhaan hooggantootaa, ogeessotaa fi caasaalee sadarkaadhaan jiran cimsuu fi
hubannoo isaanii gabbisuudhaan tokkummaa ilaalchaa, gahumsaa fi dandeettii amansiisaa
mirkaneessuu.
Tarreeffama Hojilee
Caasaawwan damee kanaa sadarkaa Aanaa hanga Gandaatti jiran waliigala namoota 2
ta’aniif karoora bara 2016 qophaahe irratti oreenteshiinii kennuu
Tarreeffama Hojilee
Tarreeffama Hojiilee
Hojii sab qunnamtii qindaahaa fi bu’a qabeessa ta’e raawwachuudhaaf raayyaa miidiyaa
hawaasaa cimaa fi gahumsa qabu ijaaruun murteessaadha. Bara 2016 karoora akka Paartiitti
qabaman itti fayyadama miidiyaa hawaasaa qindaahaadhaan dabaallee ol’aantummaa yaadaa
goonfachuudhaaf raawwaa miidiyaa hawaasaa ijaaruu fi cimsuun hojii xiyyeeffannaa
addaatiin raawwatamu ta’a.
Tarreeffama Hojiilee
Filmaatawwan miidiyaa akka Paartii keenyaatti qabnu bal’isuu fi kanneen tajaajilaaf
oolaa jiran gabbisuu akkasumas ergaawwan fuulawwan miidiyaa hawaasaa keenyaa
irratti tamsaafnu baay’inaa fi qulqullina isaa dabaluudhaan yaadawwan keenya
sadarkaa ol’aanaadhaan gurguruu.
Bara kana raayyaan miidiyaa hawaasaa ijaaramee jiru dandeettii fi gahumsa isaa
fooyyeffatee akka gahoomu goochuudhaan raayyaa miidiyaa hawaasaa 335 ta’u
ijaaruudhaan hojii milkaahaa hojjachuun mul’ata qabame dhugoomsu uumuuf kan
hojjatamu ta’a.
Tarreeffama Hojiilee
3.6 Xiinxala qabiyyee miidiyaa fi yaada uummataa bifa bilchinaa fi itti fufiinsa
qabuun gaggeessuudhaan galtee hojii sabqunnamtii gochuun itti fayyadamuu.
Tarreeffama Hojiilee
Ajaandaalee gartuuwwan miidiyaa garaa garaatiin tamsa’an irratti xiinxala
qabiyyeewwanii guyyaa guyyaan gaggeessuu akkasumas dhimmoota adda addaa
irratti xiinxala yaada uummataa qaama hawaasaatiin adda baasanii gaggeessuu fi
galtee hojii sabqunnatii taasisuu.
Yaadawwan miidiyaalee filatamoo, Paartilee Siyaasaa, namoota beekkamoo,
jaarmayaa fi kanneen birootiin tarkaanfatan irratti to’annoo, hordoffii fi xiinxala
guyyaa guyyaa raawwachuu.
Paartii Badhaadhinaa fi mootummaa isaan hooggnamu irratti xiyyeeffachuun
odeeffannoowwan miidiyaa fi afaan garaa garaatiin tamsa’an hordofuudhaan xiinxala,
to’annoo fi hordoffii taasisuu
Fuula miidiyaa hawaasaa Paartichaa irratti odeeffannoo fi ergaawwan darban irratti
yaadota Eeyyantaan (+Ve), Hi’intaan (-Ve) akkasumas bifa gaaffitiin dhiyaatan
gurmeessuu fi xiinxaluudhaan akka galteetti fayyadamuu, dhimmoota deebii
barbaadan irratti hojjachuu
Xiinxalaa fi hordoffii itti fufiinsaan gaggeessuu fi sadarkaa godinaatti waggaatti
yeroo lama qorannoo yaada uummataa raawwachuuwwan bu’aawwan argaman hojii
sabqunnamtii itti aanuuf galtee godhachuun kan hojjatamu ta’a.
Gabaasni xiinxala qabiyyee fi yaada uummataa guyyaa, turban, ji’aan akkasumas
kurmaanaa hanga waggaatti sirnaan qindaahee dhiyaataa ni adeema.
3.7 Miidiyaalee Hawaasaa Paartii keenyaa ammayyeessuu fi hojimaataaf itti
fayyadama raayyaa miidiyaa hawaasaa cimaa diriirsuun haala mijataa fi bu’a
qabeessa ta’e uumuu.
Tarreeffama Hojiilee
Fuulawwan miidiyaa hawaasaa Paartiin keenya itti gargaaramu qaqqabummaa isaa
guddisuu akkasumas ammayyeessuu dhaqabummaasaa guddisuu, ammayyeessu
(graphics, filter, content);
Sadarkaa guddini damee miidiyaa hawaasaa irra qaqqabe faana filannoowwan
miidiyaa hawaasaa jiranu hundatti sirnaan fayyadamuu.
Fuulawwan miidiyaa hawaasaa Paartichaa laallee yaadama siyaasaa paartichaa ta’ee
akka tajaajilu goochuu
Filannoowwan miidiyaa hawaasaa hunda irratti baay’inni hordoftootaa akka dabaluu
hojjachuu.
Sadarkaa Godinaa fi Aanaatti gartuuwwan miidiyaa hawaasaa akka paartiitti hojiirra
oolan hawwatummaa akka goonfatan taasisuu.
Baay’ina hordoftoota miidiyaalee hawaasaa paartii keenyaa dabaluudhaan wal
qabatee Facebook 350 irraa gara 400 tti, Telegram gara 1500 tti, Twitter 125, Tiktalk
250 akkasumas Youtube gara hordoftoota 100 tti ol guddisuuf ni hojjatama.
2. Sirna deeggarsaa fi hordoffii
Karoora hojii sab qunnamtii bara 2016 milkeessuudhaaf sirni deeggarsaa fi
hordoffii cimaa ta’ee fi itti fufiinsa qabu naannoo irraa eegalee hanga caasaa
sadarkaa gadiitti kan gaggeeffamu ni ta’a.
Sirni gabaasaa bifa qulqullina qabuu fi akkaataa raawwii hojiilee ijoo ibsuun yeroo
yerootti qaama sadarkaan jiruun ni gabaafama.
Waajjiraalee damee Godinaatiif gabaasni haalaa bifa gabaabaa ta’een guyyaa
guyyaadhaan, cuunfaan isaa ammoo torbaniin qindaahee ni gabaafama, ka’umsa
hojii sab qunnamtiitis ni taasifama.
Raawwiin hojii walii gala waajjiraalee damee Aanaalee kurmaana kurmaanaan ni
qoratama, duub-deebiinis ni kennama.
Duub deebiin hojii miidiyaa hawaasaa akkasumas sochii hojii walii galaa ji’a ji’aan
kan kennamu ni ta’a.
Sirni deeggarsaa fi hordoffii bilbilaan, text fi qaamaan itti fufiinsaan kan
gaggeeffamu ni ta’a.
Akka walii galaatti hojii sab qunnamtii cimaa ta’een
3. Haalawwan Mijataa fi Rakkoolee Muudachuu Malan fi Kallattii
Furmaataa
5.1 Haala Mijataa
Dandeettii raawwachiisummaa caasaa sadarkaan jiruu cimsuudhaan jijjiirama
qabatamaa fiduuf sochiin bara darbe taasifame gaarii ta’uu fi kaka’umsi
cimaan jiraachuu
Dameen kun xiyyeeffannaa hooggansaa akka argatuuf hojiin jajjabeessaan
hojjatamuu isaa
Xiinxala haalaa gaggeessuudhaan ka’umsa hojii sabqunnamtii godhachuu
irratti jalqabbiin gaariin jiraachuu
Gurmaa’insi raayyaa miidiyaa hawaasaa bifa fooyyee qabuun sadarkaa garaa
garaatti diriiree jiraachuu
Raayyaa miidiyaa hawaasaa ajandaa fudhachuu irraa gara ajandaa kennuutti
cehaa jiraachuu isaa
Duula qindaahaa miidiyaa hawaasaatiin nurratti banamu dura dhaabbachuun
caasaa qabsaahuu danda’u horachaa jiraachuu
Akka walii galaatti dameen kun daandii jijjiiramaa irratti kan argamu ta’uu
isaa
5.2 Qormaatawwan
Dhiibbaa miidiyaan hawaasaa geessisaa jiru sirnaan hubachuudhaan
xiyyeeffannaa gahaa ta’e damee kanaaf kennuu irratti hubannaan hooggansaa
sadarkaa barbaadamu irra qaqqabuu dhabuu
Miidiyaa hawaasaarratti hirmaannaan miseensotaa fi deeggartootaa gahaa
ta’uu dhabuu
Miidiyaa hawaasaatti sirnaan fayyadamuun wal qabatee hanqinni hubannoo
jiraachuu
Pilaatfoormiiwwan miidiyaa hawaasaa waqtaawoo ta’anitti ariitii
barbaadamuun cehuu dadhabuu
5.3 Kallattii Furmaataa
Hojichi miira addaa fi xiiqii ol’aanaan hojjachuu akka gaafatu dursa wal hubannaa
uumuu
Tarsiimoo karooraa fi raawwii isaarratti waliigaluu, ilaalchota dogoggoraafi hanqinaalee
raawwii keessatti mul’atan sirreessaa deemuu, dhimmoota hanqina ga’umsaatin wal-
qabatan adda baasuun leenjii oggummaarratti hundaa’e kennuu;
Hanqinaalee bajataafi humna namaatiin mudatan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin
mari’achuun akka hiikkatan fi hunduu sadarkaa jirutti rakkoo kana xiyyeeffannaan akka
hiiku gochuu
Qaamoleen hojicha faana walitti dhufeenya qaban /dhimmamtoonni/ karooricharratti
hubannoo akka qabatan gochuu, akkasuma walitti dhufeenya itti fufiinsa qabu uumuu;
Gamaaggama raawwii karoora bu’uura godhate raawwachuu, taatewwan uumaman
karoora keessa galchuun raawwachuu;
Raawwii karooraafi tarsiimoorratti waliigalaa deemuu, ilaalchotaafi gochoota
dogoggoraa yeroo garagaraatti mul’atan adda baasuun sirreessaa deemuu
4. Kallattii Raawwii Hojii
Karoorri hojii sab qunnamtii bara 2016f qabame ol’aantummaa yaadaa Paartii
keenyaa mirkaneessuudhaan mul’ata imala badhaadhinaa galmaan gahuuf shoora
ol’aanaa ta’e waan qabuuf naamusaa fi xiyyeeffannoo ol’aanaadhaan kan
raawwatamu ni ta’a.
Yaadamootni bu’uuraa fi sagantaan Paartiin Badhaadhinaa gama siyaasaa,
diinagdee, hawaasummaa fi hariiroo alaatiin qabu akkaataa salphaatti hubatamuu
danda’uu fi qaama hawaasaa hunda bira qaqqabamaa ta’uu danda’uun galtee hojii
sab qunnamtiitiif ni oola.
Hojiin sab qunnamtii keenya haala qabatama addunyaa, biyyaa fi naannoo keenyaa
sirriitti hubachuudhaan akkasumas mala kominikeeshinii yeroo waliin tarkaanfatu
irratti xiyyeeffachuudhaan hojiilee aartii garaa garaatiin dabaalamee ni
raawwatama.
Carraalee miidiyaalee qabnu hundatti daguugnee fayyadamuu, gosawwan miidiyaa
hawaasaa jiran hundatti dhimma bahuu akkasumas dhaabbilee miidiyaa
mootummaa fi dhuunfaa waliin hariiroo cimaa fi fayyaalessa ta’e uumuudhaan
yaada keenya bal’inaan gurguruuf ni hojjatama.
Harcaatiin hojii akkaataa uumamuu hin dandeenyeen humni namaa Naannoodhaa
hanga Aanaatti akka damechaatti jiru hojii isaa beekee, sirna deeggarsaa fi hordoffii
cimaa ta’eenis deeggaramee ni hojjata, humna tokkoomeen galma waloo
dhugoomsuuf ni hojjatama.
T Hojiilee Safart Karoor Yeroo Raawwii
/ Gurguddoo uu a Kur.1ffaa Kur.2ffaa Kur.3ffaa Kur.4ffaa
L Waggaa Ado Hag Ful Onk Sad Mud Ama Gur Bit Eeb Cam
1 Raayyaa Lakk 300 25 25 25 25 25 25 25 25 25 25 25
Ijaaruu
2 Viidiyoo Lakk 4380 36 36 365 365 365 365 365 365 365 36 365
5 5 5
3 Suur sagalee Lakk 5840 48 48 487 486 487 487 487 487 486 48 486
6 7 7
4 ergaa Lakk 2880 24 24 240 240 240 240 240 240 240 24 240
0 0 0
5 Hordoftoota Lakk 350 29 29 29 29 29 30 29 29 29 29 29
face book
dabaluu
6 Telegram Lakk 1500 12 12 125 125 125 125 125 125 125 12 125
5 5 5
7 Twitter Lakk 125 10 10 11 10 10 11 11 10 11 10 10
8 Tiltalk Lakk 250 20 21 21 21 21 21 21 21 21 20 21
9 You tube Lakk 100 8 8 9 8 8 9 8 8 9 8 8