0% found this document useful (0 votes)
920 views47 pages

Final Presentation Uffata Seeraa

This document provides guidelines for clothing materials and percentages of materials that should be used in manufacturing various clothing items for government workers. It specifies the recommended materials and their percentages for items like uniforms, coats, jackets, caps, gloves and other accessories. Manufacturers are expected to follow these standards for quality and durability.

Uploaded by

ADUGNA DEGEFE
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PPTX, PDF, TXT or read online on Scribd
0% found this document useful (0 votes)
920 views47 pages

Final Presentation Uffata Seeraa

This document provides guidelines for clothing materials and percentages of materials that should be used in manufacturing various clothing items for government workers. It specifies the recommended materials and their percentages for items like uniforms, coats, jackets, caps, gloves and other accessories. Manufacturers are expected to follow these standards for quality and durability.

Uploaded by

ADUGNA DEGEFE
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PPTX, PDF, TXT or read online on Scribd
You are on page 1/ 47

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti

Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya


Namaa
Qajeelfama Raawwii Raawwii Uffata,
Meeshaa Hojii fi Mijaa’ina Iddoo Hojii
Hojjettoota Mootummaa
Hojjettoota Mootummaa Naannoo
Oromiyaa

Mudde Bara, 2014


Finfinnee

- Gosoota Uffataa fi Meeshaalee Hojii


Gosoota Uffataa fi Meeshaalee Hojii Hayyamame
 Bu'uura qajeelfama kanaatiin gitoota hojii uffataa fi
meeshaaleen hojii barbaachisuuf irratti hojjettoota
ramadamanii hojjetaniif; gosa fi baay’ina uffata hojii fi
meeshaalee hojii kennamuuf qaama qajeelfama kanaa ta'ee
mataa duree "Gabatee-1 Gitoota Hojii Uffataa fi
Meeshaalee Hojii Kennisiisan Muli’isu" jedhu jalatti
tartiibaan dhiyaatee jira;
 Gabatee uffataa fi meeshaalee keessatti uffatoota yookiin
meeshaaleen hojii ibsaman hojjettoota mootummaa
dhaabbataan, yeroo fi koontiraatan qaxaramanii hojechaa
jiran yookiin qaxara yaalii irra jiran fi gitoota hojii
"Gabatee-1” keessatti ibsamani irratti ramadamanii fi bakka
bu’anii hojjataniif qofaaf ta’a;

-

Hojjettootni hojii idilee isaanii irratti dabalataan


yookiin bakka bu’insaan gita hojii uffatni hojii
hayyamameef irratti ramadamanii hojjechaa
jiran uffata hojii fi meeshaalee hojii gitichaaf
murtaa’e ni argatu.
 Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan
ibsame akkuma jirutti ta’ee, gitni lamaanu
idilee fi bakka bu`insaan irratti hojjetan uffatni
hojii kan hayyamameef yoo ta’e lamaan
keessaa filachuun kan tokko qofa kan argatan
ta’a.
-

 Hojjetaa gita hojii uffata hojii hayyamameef


irratti ramadamee sababa barnootaa yookiin
sababa biraatiin hojii irra hin jirreef uffanni hojii
hin kennamuuf.
 Hojjetaan tokko uffata hojii argachuu kan
danda’u guyyaa gita hojii uffata hojii kennisiisu
irratti ramadame irraa eegalee ta’a.
 Keewwata kana keewwata xiqqaa 6 jalattikan
ibsame akkumaa jirutti ta’ee, uffata hojii marsaa
itti aanuu argachuuf yeroon turmaata isaanii
marsaa xumuruun mirkanaa’uu qaba.
 Manni hojii yookiin qaamni kamiyyuu seeraan
-

ala uffata hojii dabalataa akka kennamu taasise


seeraan ni gaafatama.
 Hojjetaan tokko sababa dhukkubaatiin uffata
hojii marsaa duraa argatee yeroo turtii marsaa
lammaffaa irraa walakkaa ol kan hin tajaajille
yoo ta’e uffatni hojii marsaa lammaffaa hin
kennamuuf.
 Hojjetaan uffata hojii dursee fudhatee gitichaa
gad-lakkisu uffataa kennameef kan deebisuu
ta’a.
 -

Hojjetaan tokko uffata hojii argachuu osoo qabuu


sababa addaa addaatiin osoo hin argatiin yoo du’e
gatiin uffata hojii maallaqatti jiijjiraamee
dhaaltota isaa seeraaf ni kennamaaf.
 Manni hojii mootummaa gitoota hojii uffata hojii
barbaachiisuuf yeroo isaa eegeebaajata
barbaachisuu qabachuun hojjettootaaf uffata hojii
dhiyeessuuf dirqama qaba.

- Hojjettootni iddoo hoo’aa yookiin qorraatti
ramadamanii hojjetaniif gosti huccuu qajeelfama kana
irratti tarreeffame haala qilleensa naannichaa wajjin
kan hin deemne yoo ta’e, uffannii haala qillensaa
naannichaa wajjin deemu danda’u Waajjiraalee
Pabliik Sarviisii fi Misoma Qabeenya Namaa
sadarkaa sadarkaan jiraniin qoratamee mirkanaa’uun,
Biirichatti dhiyaatee kan eeyyamamu ta’a.
 Rakkoo uumamaa fi balaa tasaan kophee qajeelfama
kana irratti ibsame hojjataan kaawwachuun kan
rakkisu yoo jiraate hojjetichaaf gatii ittiin bittame
qarshiin kennameefi hojjetaan dhuunfaan bitatee akka
fayyadamu taasifamu qaba.
 Gitoota hojii uffata hojii fi meeshaaleen hojii isaan
- barbaachisaniif ta’ee, gabatee qajeelfama kanaan ibsaman
keessatti kan hin ibsamne yoo ta’e, karaa mana hojii
sadarkaa naannoo ilaallatuun qoratamee hogganaa ol’aanaa
mana hojichaatiin erga mirkanaa’ee booda Biirichaatiif
dhiyaatee kan eeyyamau ta’a.
 Hangi uffata hojii kennamu akkaataa guddinaa fi xiqqeenya
qaamaa itti fayyadamtootaatti kan wal caalu danda’u ta’ee,
tuuttaa, shamizii fi surree wal- fakkaataaf, jaakkeetii fi
wandaboo gabaabaaf, kootii fi surreef giddugaleessaan
huccuu arbii ball`aan meetira 3 (sadii), arbii dhiphaa yoo
ta’e, ammo dabaluus kan danda’u ta’ee, gaawaaniif, marxoo
fi shamizaaf, kan kennamu meetira 2 (lama) caaluu hin
qabu. Ta’us meetira murtaa’e kanaa ol namni isa
barbaachisu yoo argame, sirrummaan isaa qulqullaa’ee
hodhamee kan kennamuuf ta’a;
 Ibsa fedhii teekniikaa guutuun Ejensii Bittaa fi
-

Dhabamsisa Mootummaa yookiin mana hojii


yookiin Waajjira Bittaa raawwachuuf aangoon
kennameefiin kan qopha’uu ta’a,
 Qulqullinaa fi Sadarkaan mijaa’ummaa
mirkaneessuu mana hojii sadarkaa qulqullinaa
mirkaneessuuf angoon seeran kennameen kan
mirkanaa’u ta’a.
Qabiyyee Huccuu Yookiin Uffataa Kennamuu

-
Ibsa fedhii teekniikaa fi sadarkaan mijaa’ummaa
isaanii qopheessu fi mirkaneesuu mana hojii bittaa
raawwachuuf yookiin sadarkaa qulqullinaa
mirkaneessuuf aangoon seeran kennameen kan
qophaa’uu fi mirkanaa’u ta’ee, huccuun kennaman
huccuu hin hodhamiin yookiin xaaqaa ta’ee;
Qabiyyeen isaanii haala armaan gadii ta’a.
 Surree, qamisii, jaakkeetii, kootii fi qamisii gababa,
shamizii fi surree wal-fakkaataa, kootii fi surree
wal-fakaataa, kaabbaa fi gaawaaniidhaaf yookiin
xaaqaa jirbii 65% (+/-3%), poolistarii 35% (+/-3%),
yookiin viskoosii 20% (+/-3%) irraa kan hojjetame.
 Shamizii jirbii 80% (+/-3%), poolistarii 20% (+/-
-

3%)irraa hojjetame,
 Tuuttaa jirbii 100% ((+/-3%) irraa hojjetame,
 Marxoo fi wandaboo jirbii 90 %( +/-3%),
poolistarii 10% (+/-3%) yookiin viskoosii 10%
(+/-3%) irraa hojjetame ta’ee yoo gabaa irraa kan
hin argamne ta’e huccuu qulqulinaan wal-fakkaatu
bitanii kennuun ni danda’ama.

-
Ibsa fedhii teekniikaa fi sadarkaan mijaa’ummaa
isaanii qopheessu fi mirkaneesuu mana hojii
bittaa raawwachuuf yookiin sadarkaa
qulqullinaa mirkaneessuuf aangoon kennameen
kan qophaa’u fi mirkanaa’u ta’ee huccuu
hodhamee qophaa’e (ready made); qabiyyeen
isaani haala armaan gadii kana ta’a.
 Kaappoortiin (overcoat) kennamu hoo’a kan
kennuu fi gabarii kan qabuu ta’ee; poolistarii
45% (+/-3%), suufii 35% (+/-3%), yookiin
viskoosii 20% (+/-3) irraa kan hojjetame.

-

Kaappoortii roobaa (Rain coat) kennamu rooba


kan ittisu ta’ee; naylanii100% (+/-5%) irraa
hojjetame;
 Qoobii huccuu (cape) jirbii 80% (+/-3%) fi
poolistarii 20% (+/-3%) irraa hojjetame;
 Qoobii dirree (field cape) jirbii 100% (+/-3%)
irraa hojjetame;
 Ansoolaa jirbii 100% (+/-3) irraa kan hojjetame;
 Dibaabee rooba ittisuuf kan tajaajiluu fi fireemiin
isaa istiilii 100% (+/-3) fi haguuggeen (golgi) isaa
naylanii 100% (+/-3) irraa kan hojjetame;
 Firaasha ispoonjii dheerinni 190sm, bal’ina
-

100sm, furdina 12sm ta’e irraa kan hojjetame;


 Tuuttaa ispoortii jibrii 95%(+/-3) fi poolistara 5%
(+/-3) yookiin naaylanii 95% (+/-3) fi poolistara
5% (+/-3) irraa hojjetame;
 Guwaantii gogaa, gogaa 100% irraa kan
hojjetame;
 Guwaantii pilaastikaa, pilaastika 95% irraa kan
hojjetame;
-

 Googilii tajaajila biyedaa (weeldessuuf) kan


oolu ta’ee; calaqqee ittisuu kan danda’u.
 Haguuggee afaanii fi funyaanii/maaskii/, golgi
isaa baakteeriyaa yookiin vaayrasii yookiin
gaasii summaa’aa ittisuuf kan tajaajilu ta’ee;
qilleensa qulqulluu kan galchuu fi
poolii’istaayriinii yookiin pooliicarbooneetii
yookiin poolii’itaaliinii yookiin poolistarii irraa
kan hojjetame;
 Jaakeetii lubbuu baraaru (lifeseever jacket), golgi
- isaa naaylanii yookiin viinayliibishaan hin
galchinee fi keessi isaa qilleensa qabachuu kan
danda’u ta’ee; ispoonjii pilaastikaa kanneen
pooliiveenayili kilooraayidii fi poolii’etaaliinii
irraa kan hojjettame;
 Kaalsiidheeraa jirbii 100% (+/-5) irraa kan

hojjetame;
 Qumxaa naylanii 100% (+/-5%) irraa kan

hojjetame ta’ee;

- Qabattoo gogaa, gogaa 100% irraa kan
hojjetame;
 Borsaa cisichaa (sleeping bag) golgi isaa
naaylanii bishaan hin galchine, nama hin
ukkaaamsinee fi keessi isaa qaama namaatiif
mijataa kan ta’e; ispoonjii pilaastikaa kanneen
pooliiveenayili kilooraayidii fi poolii’etaaliinii
irraa kan hojjettame;
 -

Jaakkeetii gogaa, gogaa 100% irraa kan


hojjetame;
 Manneen hojii mootummaa tajaajila Pirootokolii
Caasaan hayyamameef uffatni kennamuuf kan
hodhamee qophaa’e; qabiyyeen isaanii haala
armaan gaditti ibsameen ta’a.
 Kootii fi surree gabarii qabu suufii 80% (+/-3%)
fi suufii wal-makaa(wool touch) yookiin
poolistarii 20% (+/-3)irraa hojjetame;
 Shamizii jirbii 100% (+/-5%) irraa hojjetame;
 Karabaataan suufii 60 % (+/-3) fi siilkii 40% (+/-
3) irraa hojjetame
Qabiyyee Kophee Kennamu
- Ibsa fedhii teekniikaa fi sadarkaan mijaa’ummaa

isaanii qopheessuu fi mirkaneessuu mana hojii


bittaa raawwachuuf yookiin sadarkaa qulqullinaa
mirkaneessuuf aangoon kennameen kan
qophaa’u fi mirkanaa’u ta’ee; kopheen gogaa
qulqulluu irra kan hojjetamee; qabiyyeen isaanii
haala armaan gaditiin ta’a.
 Kophee gabaabaa, goggaa qulqulluu gubbaan

isaa gogaa yabbinni isaa 0.8+2mm, naayilanii,


faayibarii seenteetikii fi soolii TR 3.0 cm irraa
hojetame;

- Kophee dheeraa, goggaa qulqulluu gubbaan isaa
gogaa yabbinni isaa 0.8+2mm, nayilanii,
faayibarii seenteetikii dheerinni isaa 25inchii fi
soolii TR yoo xiqqatee yabbina 4.5cm irraa
hojjetame;
 Kophee seeftii, gogaa qulqulluu gubban fi jalan
gogaa, keessi senteetikiin haguugame, jirbii,
isponjii, naayilanii fi sibila istiilii quba miilaa irraa
balaa ittisu 200J fi termoo pilaastiikii yabbinni
0.8-1mm-2 mm solii rukkina dachaa ta’ee, Asidii,
dibata kan dandamatufi gogaan soolii isaa, hoo’aa
guddaan kan akka wal qabatu kan ta’e (direct
injection) kan ta’e;
 Kophee paaratiruparii gogaa qulqulluu gubbaan isaa
morma kan dheeratu gogaa Sa’aa, jirbii uffataa,
naayiilanii fi soliin teeksoonbordii yoo xiqate
-

furdinni isaa 2.5mm kan ta’ee soolii rukkina dachaa


qabu ta’ee solii fi gogaan isaa, hoo’aa guddaan kan
akka wal qabatu (direct injection) kan ta’ee
hojjetame;
 Kophee boottii laastikii gabarii kan qabu yookiin
kan hin qabne 100% pilaastikii irra kan hojjetame,
 Boorsaa harkaa gogaa qulqulluu keessi isaa ufatata,
ispoonjii fi qabannaa harkaa fi dugdattii baachuuf
gargaaruu kan qabu gogaa qulqulluu irraa hojjetame.
Aangoo fi Hojii Manneen Hojii Mootummaa
-
 Gitoota hojii uffatni hojii hin hayyamamneef yookiin
kanaan dura uffatni hojii hayyamameef, akka haaraatti
qorataman irratti gaaffiin fooyya’insaa yookiin sirreeffamaa
yeroo barbaachise gaaffiin karaa mana hojii sadarkaa
Naannoon qoratamee hogganaa ol’aanaa mana hojichaan
erga mirkanaa’ee booda gaaffiin ibsa barbaachisaa ta’ee
wajjin Biirichaatiif dhiyaatee kan eyyamamu ta’a.
 Bittaa fi hodhaa uffata hojii keessatti hanqina mul’atu
hambisuuf osoo hojii bittaa fi filannoo dhabbata hodhuutti
hin seeniin dura filannoo haalluu huccuu, dhabbata hodhuu
fi akaakuu kophee filachuu irratti manneen hojii bittaa
gaaftanii fi bakka bu’ootni fayyadamtoota uffata hojii akka
hirmaatan taasifamuu qabu. Yeroo bitamee dhiyaatus kan
gaafatame ta’uu isaa mirkaneefatanii fudhachuu qabu.

-
Uffanni hojii dogoggoraan bitame deebi’ee
uffata hojii gaafatamee fi qulqullina qabuun kan
bakka bu’u qabuu fi
 Uffata hojii dogoggoraan bitamee fudhatama
dhabee akka deebi’u taasifameef baasii seeraan
ala bahuuf itti gaafatamummaa isaa kan fudhatu
qaama dogoggoricha raawwate ta’a.
To’annoo fi Hordoffii Hojii Irra Oolmaa
- Manneen hojii Mootummaa kamiyyu keessatti

hojjetaan mootummaa uffata hojii fi meeshaaleen


hojii hayyamameef yeroo hojii mootummaa
irratti argamu uffataa fi meshaa hojii isaaf
kenname fayyadamee argamuuf dirqama qaba.
 Hojjetaan mootummaa uffata hojii fi meeshaalee

hojiif kenname yeroo hojii fi bakka hojiitti kan


itti hin fayyadamne yoo ta’e akka nama hojiif
qophii hin qabneetti ilaalamee tarkaanfiin
naamusaa barbaachisaa ta’e kan irratti fudhatamu
ta’a.

[
Hojjetaan gorsaa fi tarkaanfii naamusaa mana hojiin
irratti fudhatameen sirraa’ee uffata hojii fi meeshaalee
hojitti fayadamee hojii isaa irratti hin argamneef manni
hojii uffata hojii marsaa itti aanuu bituuf hin dirqamu.
 Hojjettoota gita hojii uffatni hojii hayyamameef irratti
ramadamanii hojjetaa jiraaniif uffatni hojii hayyamame
haala amala hojichaan hanga murtaa’ee fi yeroo isaa
eegee dhiyaachuu isaa fi hojii irra ooluu isaa
daareektarrii yookiin qindeessaa yookiin dursaan garee
hoggansa fi misoma qabeenya namaa manneen hojii
sadarkaa sadarkaan jiraniin kan to’atamu ta’ee
Odiitarootni keessaas hordoffii fi deeggarsa
barbaachisaa ta’e ni taasisu.
 Hordoffii Odiitera keessatiin hammi fi gosti
- uffata hojii kenname kan akka kennamuuf
qajeelfamaan murtaa’ee ala ta’ee yoo argame
qaamni akka hayyamamuuf gaaffii dhiyeesse
fi mirkaneesse baasii seeraan ala bahe kaaraa
Odiiteraan qulqulla’ee baasii seeran alaa bahee
akka deebisu ni taasisaa.
 Qaamni beekaas ta’ee osoo hin beekiin

qajeelfama kana cabsee seeraan akka


gaafatamu ni taasifama.
 Hojii irra oolmaa qajeelfamichaaf Biiroo Pabliik
-
Sarvisii fi Misooma QabeenyaNamaa Oromiyaa,
Wajjiraaleen Pabilik Sarvisii fi Misooma
Qabeenya Namaa sadarkaa Godiinaa, Aanaa,
Bulchiinsa Magaalaa fi Daayirektoreetiin yookiin
Dursaan garee Hoggansa fi misoma qabeenya
namaa Sadarkaa mana hojii Naannoo hanga
Aanaatti jiran deggersaa fi hordoffii cimaa
gochuun irraa eegama. Akkasumas uffatni hojii
yeroo fi qulqulina murtaa’een bitamee
fayyadamtootaaf kennamuu isaa, fayyadamtootnis
uffachuun hojii idilee isaanii irratti akka
argamaniif hordoffii gochuutu irraa eegama.
 Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran
-

hundi Baajata uffata hojii fi meeshaalee hojiif


barbaachisu qabachuuf dirqama qabu;
 Manneen hojii gitoota hojii uffatni hojii
hayyamameef irratti hundaa’uun fedhii fi
karoraa bittaa uffata hojii yeroo fi qulqullinaan
qaama bittaa raawwatuuf dhiyeessuuf dirqama
qabu.
Haala Raawwii Fayyummaa fi Nagummaa Naannoo
-

Hojii
 Nagummaa fi Fayyummaan naannoo hojii nagummaa

fi fayyummaa hojjettoota mootummaa eeguun


gahumsa hojii isaanii guddisuu, iddoo hojii haala
nageenyaa fi fayyummaa hojjetaa mootummaatiif
mijatu qopheessuu fi eeguun manni hojii mootummaa
jireenya hawaasummaa gaarii irratti hundaa’ee bu’aa
hojii ol`aanaa akka galmeessisuu gahoomsuuf,
hojjetaan mootummaa tokko iddoo hojiitti balaa fi
haalota nagummaa fi fayyummaa isaa irratti dhiibbaa
geessisuu danda’an irraa bilisa ta’ee xiyyeeffannoon
isaa hojii irratti ramadame milkeessuu kan dandeessisu
hojimaata diriiredha.
Hojii fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii fi
-
Hojjettootaa
 Manni hojii mootummaa kamiyyuu raawwii hojii

mana hojii isaa keessatti fayyummaa fi


nagummaa hojjetaa fi naannoo hojii irratti hojiin
hojjetamu of-eeggannoon akka hojjetamuuf
haala mijeessuu qaba.
 Hojjetaan mootummaa mana hojii hojjechaa jiru

keessatti fayyummaa fi nagummaa dhuunfaa isaa


fi naannoo mana hojii isaa eeguu fi hojiilee
hojjetu keessatti rakkoon akka hin uumamnetti
hojii idilee isaa raawwachuu qaba.
Hojii fi Ittigaafatamummaa Manneen Hojii
- Sadarkaan Naannoo
 Manneen Hojii Mootummaa balaa fi
dhibeewwaan sababa hojiitiin uumamuu
danda`an ittisuuf mooraan manneen hojii,
kutaalee hojii keessatti, teessuma mijata,
qilleensaa fi kutaalee ifa gahaa qaban,
meeshaalee hojii gahaa fayyaa hojjettootaa
miidhuu hin dandeenyee fi qulqullina qaban akka
guutaman taasisuu qabu.

-
Manneen hojii mootummaa naannoon hojii
wantoota faalama qilleensaa uuman, argaa
dhageetii miidhan, keemikaalota, balaqqee yookiin
calaqisa adda addaa, xurriiwwaan warshaalee
keessaa bahan, iddoo xuriiwwaan dhangala’aa fi
gogaan ittii gatamu foolii ajaa’aa dhufu, faalama
sagalee meeshaalee muuziqaa fi dhuka’aa adda
addaa irraa bilisa kan ta’an ta’uu qaba.
 Manneen hojii mootummaa hojjettootaaf
hawwataa kan ta’an, mana fincaanii dhiiraa fi
dubartii qulqulluu addaatti kan qaban qopheessuu
qabu.
 Nageenya naannoo hojii eegsisuuf manneen hojii
- eegumsaaf mijataa ta’uu, manni waardiyya yookiin
bakki waardiyoonnii itti boqotan meeshaleen akka
firaashii, uffata qorraa, ansoolaa fi tiriika guutamu qaba.
 Meeshaalee ittisa balaa tasaa addaa addaa jiraachuu
qabu.
 Dhibeewwan rakkoo qulqullina dhabuu naannoo hojiin
wal-qabatanii hojjetaa irra gahaniif ragaa ogeessa
dhimmi ilaaluun yoo mirkanaa’e manni hojii kan itti
gaafatamu ta’a.
 Waa’ee fayyummaa fi nagummaa naannoo hojii irratti
sagantaa barumsa fi leenjii qophessuun hojettootaaf
leenjiin hubannoo uumuu akka kennamuu ni taasisa,
hojii kanaaf baajata barbaachisu ni ramada.

-

Manni hojii mootummaa ragaalee eegumsa


fayyummaa fi nagummaa naannoo hojiif
meeshalee ittisa balaa guutuu ta’e tartiibaan ni
qindeessa, balaawwan naannoo hojiitti gahuu
danda’an akaakuu fi sadarkaan isaanin,
tarkaaffiwwan fudhatamuu qaban galmaa’anii
akka taa’an ni tasiisa.
 Manneen hojii wantoota fi haalota balaa fi
fayyaa hojettoota isaani miidhan, tooftaa ittiin
ofirraa ittisuu danda’an irratti hubannoo uumuu
qabu.
 Manneen hojii hojjettootaaf meeshalee ittisa balaa
tasaayeroon dhiyeessuun hojii irra akka olan
-

taasiisu qabu.
 Raawwii hojii irra oolmaa fayyummaa fi
nagummaa naannoo hojii mijeessuf hoggansi
misomaa fi qabeenya namaa mana hojichaa
yookiin puulii tajaajilaa iddoo tokkoo fayyummaa
fi nagummaa naannoo hojii ni ramada.
 Komiiwwan, eeruun fayyummaa fi nagummaa
naannoo hojii irratti hojjettoota irraa dhiyaatan
qulqulleessun tarkaafii sirreefamaa qaama dhimmi
ilaallatuu waliin ni fudhatu.

-

Manneen hojii haala qabatamaa isaanittiin iddoo


hojii milkaa’a taasisuuf meeshaaleen qunnamtii
bilbilli, ibsaan, jenereetarri, bishaan, iddoon haara
galfii abbaa dhimmaa fi kafteeriyaa jiraachuu
qaba.
 Hojiin deeggarsa fi hordoffii fayyumaa fi
nagummaa naannoo hojii caasaa Biirichaan kan
raawwatamuu ta’a.
 Manni hojii kamiyyuu haalli ijaarsaa fi teessuma
waajjiraalee dubartoota ulfaa, qaama
miidhamtootaa, maanguddotaa fi maamiltoota
isaanii adda addaaf mijataa ta’uu qaba.
 Hojii Daayirektoreetii yookiin Dursaa Garee
Hooggansa fi Misooma Qabeenya Namaa
[

 Karoora hojii Hojii nagummaa fi fayyummaa


qabatamaan hojii irra oolchuuf baajata waggaaf
barbachiisu mana hojii fedhii baajataa karoorsuun
hojiirraa ni oolcha.
 Eegumsa nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii
itti dhiyeenyaan kan hordoffi barbaadu ta’uu
hubachuun hawaasa mana hojiif gorsa ni kenna.
 Ogeessoota hoggansa qabeenya namaa nagummaa fi
fayyummaa naannoo hojii irratti hojjetan yeroo
yeroon hordofuu fi deeggaruun tarkanfilee
fooyya’iinsa adda addaa ni fudhata.

[[
Meeshaaleen nagummaa fi fayyummaa naannoo hojiif
barbaachisan akka yeroon guutaman fi hojiirra oolan ni
taasisa.
 Ragaaalee nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii
ilaalan qindeessuun ni qabata.
 Dhimmoota nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii
ilaalan irratti qoratee mana hojiif dhiyeessuun yoo
murtii argatee hojii irra ni oolcha.
 Dhimmoota nagummaa fi fayyummaa irratti eeruu fi
komiiwwan dhiyaatan ni qulqulleessa, akka
raawwatamu ogeessatti ni ramada, gabaasota ogeessa
irraa dhiyaatan irratti murtii ni kenna, yookiin akka
barbachiisummaa isaatti hogganaa olaanatti
dhiyeessuun yoo murtaa’uu akka raawwatuu ni taasisa.

-

Nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii irratti


qaamoota isaan ilaallatu waliin ta’uun karoora
leenjii qopheessuun hojjettoonni akka leenji’an
ni taasisa.
 Hojii nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii
abbaa dhabee akka hin dagatamneef hojjettoota
keessaa ogeessa hoggansa qabeenya namaa
tokko ni ramada, naannoo hojiitti hojjettoonni
nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii isaani
akka eegan deeggarsa barbaachiisa ta’e ni
taasisa, dub-deebii ni kanna, ni gorsa, hojii irra
ni oolcha.

-
Godinaalee, Bulchiinsa Magaaloota fi Aanaalee
irratti gareen hoggansaa fi misooma qabeenya
namaa sadarkaa puuliitti gurmaa’ee mijaa’ina
iddoo hojii seekteraalee itti waamamaniif
deeggarsaa fi hordoffii ni taasisa, sadarkaa isaan
irra jiranis duraa duubaan sadarkeessuun
hanqina qaban fooyyeessa akka deemaniif
kallattii ni kenna.
 Bakka yaaddoon balaaf saaxilamuu jira jedhee
amaneetti hoogganaa mana hojiitiif yaada
dhiyeessuun akka sirreefamu ni taasisa.
-
Dirqama Hojjettoota Mootummaa
 Hojjetaan mootummaa kamiyyuu qajeelfamoota
nagummaa fi fayyummaa eeguuf bahan beekuun kabajuu
qaba.
 Meeshaalee hojii fi ittisa balaa isaaf kennaman sirnaan
fayyadamuu qaba.
 Haalawwan balaa geesisuu danda’an jiraachuu isaanii
yeroo tilmaamu itti gaafatamaa mana hojii ilaalatuuf
battalummatti beeksisuu qaba.
 Hojjetaan mootummaa miidhaa yookiin balaa naannoo
hojiitti irra gahe sa’aatii 24 keessatti mana hojii
beeksisuu qaba.
 Hojjetaan mootummaa leenjii fayyummaa fi nagummaa
kennamuu irratti hirmaachuu qaba.
-
Haala Qabiinsa Ragaa
 Manneen hojii mootummaa haala nagummaa fi
fayyummaa naannoo hojii mana hojii isaanii
ilaalchisee ragaa guutuu qabachuun, akka
barbaachiisummaa isaatti qaama dhimmi
ilaallatuuf yeroo fi qulqulinaan dhiyeessuuf
dirqama qabu.
 Gabaasni nagummaa fi fayyummaa naannoo
hojii gabaasa hojii idilee waliin qindaa’ee yeroo
yeroon qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuu
qaba.

-
Daayireektoreetiin Hoggansa fi Misooma
Qabeenya Namaa manneen hojii sadarkaa
naannoo hanga Aanaatti jiran hundi xumura
waggaa irratti lakkoofsa hojjettoota uffanni hojii
kennamuuf gitoota hojiitiin adda baasuun
baay’ina, gosa uffata hojii, baasii fi meeshaalee
hojii isaan barbaachisuu qindeessanii ragaa ni
qabatu, baarbaachisaa ta’ee yoo argamu qaama
dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessu.

-
Daayirektoreetii yookiin Dursaa Gareen
hoggansa fi misooma qabeenya namaa sadarkaa
Godinaa, Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaaleetti
argaman puulii fi sekteraan adda baasuun
xumura waggaa irratti gabaasa raawwii hojii
hojjettoota gitoota hojii uffata hojii fi
meeshaaleen hojii hayyamameef irratti
ramadamanii uffatni hojiifi meeshaaleen hojiirra
oolee fi baajata dhimma kanaaf bahe qindeessee
ni qabata, qaama dhimmi ilaallatuuf gabaasa ni
dhiyeessa.
-

Haala Komii, Gochaawwan Dhorkaman fi


Fedhii Teeknikaa Qopheessuu
Haala Komiin Itti Keessummeeffamu
 Raawwii kenniinsa uffata, meeshaalee hojii fi
miidhaa hojii irratti gahuu irratti qaamni komii
qabu adeemsa keessummeessa komii eeguun
mana hojii sadarkaa Aanaa irraa kaasee hanga
Naannootti komiin dhiyaatee furmaata akka
argatu ni taasifama.
- Gochaawwan Dhorkaman
 Gitoota hojii qajeelfamaan uffatni hojii
hayyamameen ala uffata hojii kennuus ta’e baajata
bittaa uffata hojiif qabame maallaqatti jijjiiraanii
kennuun dhorkaadha.
 Hogganaas ta’e hojjetaan dhorkaa kana cabsee
seeran ala raawwates ta’e raawwachise kan
ittigaafatamaan ta’a.
 Uffatni hojii hojjettoota mootummaaf kennamu kan
humnoota nageenyaa biyyaa eegan kanneen akka
Raayyaa Ittisaa Biyyaa, Poolisii, qaamoota nagaa
kabachisan kan biroo waliin wal fakkaachuu hin
qabu.
-
Ibsa Fedhii Teeknikaa Qopheessuu
 Sadarkaa naannootti Ejansiin Bittaafi
Dhabamsisaa Qabeenyaa Oromiyaa fi
 Sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalotaa fi
Aanaatti Waajjiraaleen Maallaqaa ibsa fedhii
teeknikaa uffataa fi meeshaalee hojii guutuu
qopheessuuf dirqama qabu.

You might also like